Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaa keessoo fi dandeettii dinagdee cimsuu barbaachisa

Hagayya 19/20 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf tokkummaa keessoo fi dandeettii dinagdee cimsuun akka barbaachisu hoogganaan hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan.

Woorkishooppiin Korporeeshiniin miidiyaa Amaaraa(Amikoo) ayyaana hundeeffamasaa  waggaa 30ffaa ilaalchisee mata duree “ miidiyaaleen faayidaa biyyaalessaa fi nageenyaaf” jedhuun  qophaa’e magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamaa jira.

Hoogganaan hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa mata duree “miidiyaan faayidaa Biyyaalessaaf” jedhuun waraqaa qu’annoo dhiheessaniiru.

Barreffama Kanaan akka Argisiisanitti,  Itiyophiyaanonni hundi faayidaa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa  karaa hundumaan  kabachiisuuf hirmaachuu  qabu.

Sochiin faayidaa biyyoolessa biyyyattii miidhan kamiyyuu olaantummaa yaadaan  falmuu fi   fashaleessuun akka malu  ibsaniiru.  

kanaafis  tokkummaa keessaa fi nagaa eegsisuun akkasumas  humna Dinagdee cimsuu fi    humna dimokiraasii  cimsachuun hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.

Mootummaan Badhadhina Itiyoophiyaa kallattii hundumaan mirkaneessuuf gama hundaan   cimee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

 Haa ta’u malee  Miidiyaaleen  faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu irratti   ajandaa umanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

De’eetaan Miinistira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa  Tasfaahun  Gobazaay, Itti Aanaa af-yaa’iin Mana maree Naannoo Amaaraa  Amaaree  Sexxen dabalatee  hoggantoonni hojii biroon qorannicharrtti  hirmaachaa kan jiran yoo ta’u , qorannoo barreefamaa dhihaaterraatti  mariin gaggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015