Hojiin Gargaaramuurraa jalaa bahuuf eegalame Innisheetivota damee Qonnaan bu’aa qabataamaa fidaa jiru-Ministira Addisuu Araggaa

Hagayya 19/2017(TOI)-Hoj-maataa fi mala Qonnaa ammayyeessuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiiwwan eegalaman Innisheetivota damee Qonnaan bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.

Waltajjiin biyyoolessaa qorannoo raawwii damee qonnaa bara bajataa xumuramee fi kallatti xiyyeeffannoo karoora bara bajataa 2018 kan hoggantoonni Biiroo Qonnaa Naannoolee hundaa fi dhaabbileen itti waamamtoonni irratti hirmaatan  Magaalaa Adaamaatti  gaggeeffamaa  jira.

Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa baninsa wal-tajjichaa irratti akka ibsanitti,   gargaaramuu jalaa bahuuf hojiiwwan eegalaman Innisheetivota damee  Qonnaan bu’aa qabatamaa fidaa jiru jedhaniiru.

Kanaanis Misooma Jallisii Qamadii Boneen, Gannaa fi Arafaasaan, misooma bunaa fi sawwan Aannanii fi misooma qabeenya Qurxummiin milkaa’inni kan eegamee olitti  galmaa’uu   ibsaniiru.

Misooma Qamadii gannaa fi  Bonaan hojjetameen  omisha  qamadiin  waggaa waggaan  alaa galaa  ture  Kuntaala Miiliyoona 17 ol hanbisuu danda’uuu ibsaniiru.

Haaluma wal- fakkaatuun hojii garbuu Biiraarratti hojjetameen omishi alaa galaa ture kan  biyya keessaan bakka bu’uu Minitirichi eeruun,  hojiin kun bu’aan guddaan kan itti argame ta’uu fi Muuxannoon Idil Addunyaa kan irraa fudhatame ta’uu ibsaniiru. 

Bu’aa Qamadii fi garbuu biiraa irraatii argame Ruuziin dabaluun  omisha  alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf duulli eegalame  cimee itti fufa jedhaniiru.

Haala Kanaan misoomni Ruuzii Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee Affaarii fi  Naannoolee birootti eegalame Teekinooloojiin deeggaruun caalaatti akka babal’atu  gochuuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Qonna ammayyeessuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu kan ibsan  ministirichi,  kanaafis Makaanayizeeshinii Qonnaa babal’isuu fi mala qonna Kilaastaraa fayyadamuun    dhiheessii  galtee sirnaan  saffisiisuuf  xiyyeeffannoon nikennama jedhaniiru.

 Damichaan carraa hojii uumuu ilaalchisee hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachu ibsuun caraa hojii bal’aa  uumuun  dargaggoonni fi dubartoonni bal’inaan akka hirmaataniif  akka  hojjetamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015