Jijjiiramni sirna madaallii barnoota Itiyoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda bahaa jira-Piroofeesar Biraanuu Naggaa

Hagayya 19/2017(TOI)- Jijjiiramni sirna madaallii barnoota Itiyoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qooda bahaa jiraachuu ministirri barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa ibsan.

Yaa’iin waggaa waldaa madaallii barnootaa Afriikaa 41ffaan mata duree “madaallii barnootaa ceesisuuf barumsa qulqullina qabuu fi murtoo odeeffannoorratti hundaa’e” jedhuun gaggeeffamu har’a Finfinneetti eegalameera.

Ministirri barnootaa ppiroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana Itiyoophiyaan gama hundaan jijjiiramarra jiraachuu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan jijjiirama Afriikaa ofkeessatti qabate mirkaneessuuf damee barnootaa qonnaa, misooma anniisaa, bu’ura misoomaa fi barnootarratti hojjechaa akka jirtu dubbataniiru.

Jijjiiramni sirna madaallii barnootaarratti gaggeeffamaa jiru qulqullina barnootaa gama mirkaneessuutiin qooda gaarii bahachuusaa ibsaniiru.

Qulqullina barnootaa eegsisuuf madaalliirratti hojjechuun akka barbaachisu eeranii, murtoo odeeffannoorratti hundaa’e kennuun madaallii barnootaa fooyyessuuf furmaata guddaadha jedhaniiru.

Sirna madaallii barnootaa Itiyoophiyaarratti fooyyessi garagaraa taasifamaa akka jiru kaasaniiru.

Daarektarri olaanaa tajaajila madaallii fi qormaata barnootaa Dr. Isheetuu Kabbadaa madaalliin barnootaa bu’a qabeessummaa damee barnootaa waliigalaaf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kun akka milkaa’u bifaa itti fufiinsa qabuun qindoominaan akka hojjetamu ibsaniiru.

Yaa’iin kun har’aa eegalee guyyoota walitti aanan shaniif Finfinneetti nitaa’ama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015