Afriikaan bara dhufu akka dursitu gochuuf qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu barbaachisa-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Afriikaan bara dhufu akka dursitu gochuuf qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuu barbaachisa-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Hagayya 19/2017(TOI)- Afriikaan bara dhufu akka dursitu gochuuf qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun akka barbaachisu Itti aanaa ministira muummee RDFI Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Waldaan madaallii barnootaa Afriikaa yaa’ii waggaa 41ffaa mata duree “Madaallii barnootaa ammayyeessuu” jedhuun Finfinneetti yoo eegalamu, hammattoon waloo madaallii barnoota ardii Afriikaa waltajjicharratti ni’ifooma.
Ilmaan Afriikaa hundi carraa barumsaa qofa osoo hintaane barnoota qulqullina olaanaa qabu hawaasni barnootaa waloomaan hojjechuu qaba jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa baniinsa waltajjichaarratti.
Madaalliin barnootaa barachuu qofa madaaluu akka hintaane eeranii, haala amma irra jiramu hubachuun meeshaa ijoo bakka egeree agarsiisu ta’uu dubbataniiru.
Waldaa madaallii barnootaa Afriikaa tumsaaf, beekumsaa fi hojii kalaqaaf murteessaa ta’uu ibsanii, haala Kanaan barnoota Afriikaaa waloomaan olkaafna jedhaniiru.
Miirri injifannoo Adwaa Itiyoophiyaa Afriikaanota cunqursaa baasuusaa eeranii, gama barnootaan dabalamuu qaba, sababnisaas barumsi bu’ura bilisummaa, kabajaa fi badhaadhnaati jedhaniiru.
Biyyoonni Afriikaa barumsarratti fooyya’insa cimaa gochaa jiru kan jedhan itti aanaan ministira muummee, Itiyoophiyaanis sirni madaallii barnootaashee haqa qabeessa, hiika kan qabuu fi barnoota kutaa qofaan osoo hintaane ogummaa qabatamaarratti akka xiyyeeffatu gadi fageenyaan fooyyessaa jirti jedhaniiru.
Hammattoo madaallii barnootaa Ardii Afriikaa waloo uumuuf itti gaafatama qabna kan jedhan itti aanaan ministira muummee, sirna barnootaa walfakkaataa gochuun barattoonnii fi barsiisonni barnoota daangaa cehe akka qooddan kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Afriikaan guddachaa akka jirtu kaasanii caalaatti guddachuu fi adda duree ta’uu qabdi, kanaaf ammoo sirnoota madaallii cimaa, amantaa qabu uumuu qabna jedhaniiru.
Sirnoota barnootaa dandeettii barattootaa guddisan, carraaqqii biyyootaa kan cimsanii fi Afriikaatti badhaadhina saffisiisan uumuuf carraaquu akka qaban eeraniiru.