Dijitaal Itiyoophiyaan gabaa walitti hidhuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dijitaal Itiyoophiyaan gabaa walitti hidhuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa jira

Hagayya 19/2017(TOI)- Dijitaal Itiyoophiyaan gabaa walitti hidhuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaa tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa akka jiru manni maree waldaalee daldalaa fi damee Itiyoophiyaa ibse.
Mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa gabaarratti rakkoo tokkollee akka finne ibsameera.
Pirezidaantiin manni maree waldaalee daldalaa fi damee Itiyoophiyaa Sabsib Abbaafiraa TOI’ waliin turtii taasisanin, manni maree daldalaa hojii fi ittigaafatama labsiin kennsmeef bahachuuf fooyyessa tarsiimawaa gochuusaa beeksisaniiru.
Manni marichaa carraaqqii mootummaa dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf taasisu keessatti hawaasni daldalaa karaa teeknooloojii akka fayyadamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sirni dijitaal Itiyoophiyaa gabaa walitti hidhuun, yeroo qusachuu fi baasii hinmalle oolchuun hawaasa daldalaaf tajaajila mootummaa mijataa akka argatu gochaa akka jiru dubbataniiru.
Daldalli haala gaariin akka gaggeeffamuu fi seerri kabajamee akka ittifufu dhaabbilee qooda fudhattootaa fi qaamolee federaalaa amma aanaatti argaman waliin tumsaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Yeroo sirni daldalaa ammayyaa teeknooloojiin deeggarame uumametti mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa gabaarratti rakkoo tokkoyyuu hinfidu jedhaniiru.
Hojiin milkaa’oon walabunyaa nyaataa Itiyoophiyaatti mirkaneessuuf hojjetaman dhiheessii fi fedhii oomishaa irratti qooda gaarii bahaa akka jiru kaasaniiru.
Qaamoleen mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uu sababeeffachuun gatii hinmalle dabalan jiraachuu akka danda’an nitilmaamama jedhaniiru.
Mindaan hojjettoota mootummaa fooyya’uunsaa sirna daldalaarratti ulaa kamiyyuu uumamuuf wanti sababa ta’u hinjiru jedhaniiru.
Hawaasni daldalaas yoomiyyuu caalaa ummatasaanii shamatee buluuf tajaajila qulqulluu kennuufiin akka irraa eegamu ergaa dabarsaniiru.