Tajaajilli Lammumaa duudhaa wal-deeggarsa Hawaasaa guddisuun Aadaa ta’aa jira

Hagayya 19/2017(TOI)-Tajaajilli tola oltummaa duudhaa waldeeggarsaa hawaasaa gama guddisuun Aadaa ta’aa dhufuu Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawwit Shaankaa dubbatan.

Ministeerri Aadaa fi Ispoortii dhaabbilee Itti Waamamtootaa waliin ta’uun Naannoo Benishaangul Gumuz Aanaa Sharqolleetti hojii tola ooltummaa gannaa raawwataniiru.

Ministirri Shawwit Shaankaa wayita kana akka dubbatanitti, taajilli tola ooltummaa ganna bakkeewwan hundatti raawwatamu rakkoo Hawwasummaa uummataa salphisuurra darbee   Aadaa fi ibsituu  Itiyoophiyaa ta’aa dhufeera.

keessumaa Tajaajilli tola ooltummaa dhaabbileen Federaalaa Naannoleetti raawwatan   aadaa fi duudhaa  hawwasa naannichaa beekuu  fi sab-daneessummaa  qabatamatti agarsiisuuf carraa  uuma  jedhaniiru. 

Ministeerichi Dhaabbilee Waamamtoota waliin ta’uun Aanichatti Ijaarsa mana jireenyaa harka qal’eeyyii 13  raawwachuu fi  barattoota  kuma lamaaf meeshaalee Barnootaa  akkasumas deeggarsa Kitaabota wabii godheera.

“Tajaajilli  tola ooltummaa agarsiistuu waloomaa ti ”  kan jedhan  Ministirittiin, Manneen Aanichatti ijaaraman yeroo dhihootti xumuruuf qophiin guutuun taassifamuu beeksisaniiru.

Hojjettoonni fi gaggeessitonni dhaabbilee Itti Waamamaa Ministeerichaa  deeggarsa kaayyoo hojii gaarii kanaaf agarsiisaniif galateeffataniiru.  

Pirezidaantiin Naannoo Benishaangul Gumuz Ashadilii Hasan gamasaaniin, Dhaabbileen Federaalaa adda addaa tajaajila tola oltummaa gannaa karaa gurmaa’een kennaa jiraachuu  dubbatanniiru.

kunis  duudhaa  tokkummaa fi tumsa Itiyoophiyaa kan cimsuu fi dhaabbiileen Federaalaa humna  dabalaataa Naannoolee  ta’aa dhufuusaanii  kan agarsiisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015