Bara bajataa xumurame naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf birriin miiliyoona 10 walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Bara bajataa xumurame naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf birriin miiliyoona 10 walitti qabameera

Hagayya 19/2017(TOI)- Bara bajataa xumurame naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaaf birriin miiliyoona 10 walitti qabamuu waajjirri qindeessaa ummataa hidha haaromsaa guddichaa naannichaa beeksise.
Bara kanas naannichatti hidha haaromsaaf birrii miiliyoona 20 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru ibsameera.
Naannichatti hoogganaan waajjira komunikeeshinii fi qindeessaa ummataa hidha haaromsaa guddichaa obbo Heenook Mulunaa akka ibsanitti, hidhi haaromsaa guddichi imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf faayidaansaa olaanaadha.
Hidhi haaromsaa guddichi biyya kan boonsuu fi bara bayyanannaa Itiyoophiyaaf mallattoo guddaa ta’uusaa fi maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaarratti beeksisaa akka jiru eeraniiru.
Ummanni naannichaa beekumsa, humnaa fi maallaqaan deeggaruun milkaa’ina hidhichaaf qoodasaa bahaa jira jedhaniiru.
Bara bajataa xumurame naannichatti deeggarsi birrii miiliyoona 10 hidha haaromsaaf walitti qabamuu himaniiru.
Bara bajataa kanas birrii miiliyoona 20 walitti qabuuf Karoorfamee xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru obbo Heenook beeksisaniiru.
Karoorri qabame kun akka milkaa’u naannoorraa eegalee amma aanaatti waltajjiin marii fi sosochii hubannoo uumuuf akka raawwatamu ibsaniiru.