Naannichatti Rakkoo Mana Jireenya Harka Qal’eeyyii Salphisuuf Tattaaffiin Eegalaman Cimanii itti fufu- Bulchaaa Naannichaa Xilahuun Kabbadaa - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti Rakkoo Mana Jireenya Harka Qal’eeyyii Salphisuuf Tattaaffiin Eegalaman Cimanii itti fufu- Bulchaaa Naannichaa Xilahuun Kabbadaa

Hagayya 19/2017(TOI)-Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti rakkoo mana jireenyaa Manguddootaa fi harka qal’eeyyii salphisuuf haala qindaa’een tattaaffiin eegalame cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Xilahuun Kabbadaa beeksisan.
Pirezidaantichi Magaalaa Walaayittaa Sooddootti Ijaarsa Mana Jireenyaa harka Qal’eeyyii Sadarkaa Nannootti guyyaa tokkotti gaggeeffamu eegalchiisaniiru.
Pirezidantichi Obbo Xilahuun wayita kana akka ibsanitti, sagantaan “tola ooltummaan Olka’insa Itiyoophiyaatiif ” jedhu kan Ministira Muumee Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabame naannichatti bu’aa guddaa galmeessaa jira.
“Qabeenya qabnuun nama gargaaruuf yoo wal-gargaarre lamiilee rakkoo keessa jiran qaqqabuu dandeenya” kan jedhan Bulchaan kun, guyyaa har’aa Naannichatti bakkeewwan hundatti Manguddoota rakkoof saaxilamanii fi harka qal’eeyyiif manni ni’ijaarama jedhaniiru.
Qajeelummaan ofiif ta’uu kan kaasan bulchaan kun kan nurraa haferraa osoo hin ta’iin kan qabnurraa arjoomnee lammii keenyaaf jaalalaa argisiisuu akka qabnu hubachiisaniiru.
Carraa Kanaan goototaa biyyaa fi artistootaaf mana jireenyaa ijaaruun kennuufii qabna kan jedhan bulchaan kun, artistii sirboota Walayittaan bakka guddaa qabu Fishaalee Milkaanoof Ijaarsa Mana Jireenyaa eegalchiisaaniiru.
Naannichatti Manguddoota fi harka qal’eeyyii rakkoo keessa jiraaniif rakkoo mana jireenyaa furuuf tattaaffiin karaa qindaa’een eegalame cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Jiraattonni Naanicha hundi harka qal’eeyyii jabeessuuf hojii gaarii hojjetamu keessatti humnaa fi beekumsaan akkasumas maallaqaan deeggaruun akka hirmaatan hubachiisaniiru.