Ayyaanotaa fi daballii mindaa hojjettoota mootummaa ilaalchisuun qaala’insi gatii akka hin jiraanne xiyyeeffannoon taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanotaa fi daballii mindaa hojjettoota mootummaa ilaalchisuun qaala’insi gatii akka hin jiraanne xiyyeeffannoon taasifameera

Hagayya 19/2017(TOI)-Ayyaanotaa fi daballii mindaa hojjettoota mootummaa ilaalchisuun hojiin dhiheesii fi to’annoo hojjetamaa akka jiru itti aanaan kantiibaa fi hooggnan biiroo misooma industirii Jaanxiraar Abbaayi ibsan.
Hawaasni qaamolee sochii daldalaa taasisan yoo argu odeeffannoo kennuu akka qabu eeraniiru.
Humni waloo gabaa tasgabbeessaa, to’ataa daldala seeraan alaa fi sosochii ITiyoophiyaan-Finfinneen haa’oomishtuu gabaa ayyaana waggaa ilaalchisuun fi daballii gatiin walqabatee itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma industirii Jaanxiraar Abbaay ibsa kennaniiru.
Magaalaa Finfinneetti qaala’insa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa jiru jedhan ibsa kennaniin.
Dhiheessii bal’isuuf gabaan Sanbataa fi Dilbataa 219 jiraachuu ibsanii, jiddugaleessonni gabaa shan sadarkaa magaalaatti tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru.
Humni waloo kun gabaa tasgabbeessuu fi daldala seeraan alaa to’achuun hawaasni oomishaalee bu’uraa gatii madaalawaan akka argatu gochuun hojjechaa jira.
Ayyaanotaa fi mindaa hojjettoota dabalame ilaalchisuun daballiin gatii akka hinjiraanne hojiin dhiheessii fi to’annoo taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Hawaasni qaamolee daldala seeraan alaa taasisan irratti odeeffannoo kennuu qaba jedhaniiru.