Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsa tarsiimawaa caalaatti guddisuuf tumsaan nihojjetu - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsa tarsiimawaa caalaatti guddisuuf tumsaan nihojjetu

Hagayya 18 /2017 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsa tarsiimawaa caalaatti guddisuuf tumsaan akka hojjetan beeksisan.
Foramiin idil addunyaa misooma Jaappaan Afriikaa (Tikayo) Yokahamaatti gaggeeffameera.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yuusuuf foramicha cinaatti pirezidaantii ejensii tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jayika) Dr. Akiihiikoo Tanakaa waliin mari’ataniiru.
Dura taa’aan komishinichaa tumsa tarsiimawaa jaayikaan gamtaa Afriikaa waliin qabu akkasumas dinagdee fi hawaasummaa dabalatee invastimantii dameelee ijoo Afriikaatti taasisaa jiru dinqisiifataniiru.
Dura taa’aa fi pirezidaantichi tumsa waloo gamtaan Afriikaa fi Jaappaan qaban cimsuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.
Hafuurri Foramii Tiikaad saglaffaan gara boqonnaa jijjiirama dinagdee egeree waliin uumuutti ceesisuun akka barbaachisisu kaasaniiru.
Foramiin Hagayya 14 bara 2017 irraa eegalee gaggeeffamaa ture murtoo garagaraa dabarsee har’a akka xumuramu odeeffannoon TOI’n gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa.