Taphni Piriimar Liigii Ingiliziin har’a Maanchastar Yuunaayitid Fulhaam waliin ni'eegama - ENA Afaan Oromoo
Taphni Piriimar Liigii Ingiliziin har’a Maanchastar Yuunaayitid Fulhaam waliin ni'eegama

Hagayya 18/2017(TOI)- Piriimar Liigii Ingiliziin taphni har’a Maanchastar Yuunaayitid Fulhaam waliin gageessu ni’eegama.
Sagantaan Piriimar Liigii Ingiliz torbee lammaffaa har’a guyyaa sadaffaa qabateera.
Maanchastar Yuunaayitid Istaadiyoomii Kiraavaan Kooteej dhaquun galgala sa’aatii 12:30tti Fulhaam waliin nitaphata.
Tapha liigii jalqabaatiin Maanchastar Yuunaayitid dirreessaatti Arsenaaliin 1 fi 0’n mo’ameera.
Akkasumas Fulhaam Biraayitan endi Hoov Alviiyon waliin taphatee golii 1 waliqa baheera.
Sagantaa torbee lammaffaa birootiin Kiriistaal Paalaas Nootiingihaa foresti, Evertan Braayitan endi Hoov Alviiyoon waliin guyyaa sa’aatii 10tti nitaphatu.