Mootummaan qaamolee mindaan mootummaa fooyya’uu sababa godhachuun gatii hinmalle dabalan irratti tarkaanfii cimaa nifudhata-Ministira Dr. Kaasaahun Goofee - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan qaamolee mindaan mootummaa fooyya’uu sababa godhachuun gatii hinmalle dabalan irratti tarkaanfii cimaa nifudhata-Ministira Dr. Kaasaahun Goofee

Hagayya 17/2017(TOI)-Mootummaan qaamolee mindaan mootummaa fooyya’uu sababa godhachuun oomishaa fi tajaajila irratti gatii hinmalle dabalan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasaahun Goofee ibsan.
Mootummaan Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mindaa hojjettoota mootummaa akka fooyya’u murteessuunsaa ni beekama.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasaahun Goofee, oomishaa fi tajaajilarratti gatii hinmalle dabaluun siirna daldalaa seera qabeessa keessatti ittigaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu ibsaniiru.
Maqaa sirna daldala bilisaatiin gatii hinmalle dabaluunis ta’e kuusuun ittigaafatama bulchiinsaa fi seeraan gan gaafachiisu ta’uu hubachiisaniiru.
Fooyyessa mindaa hojjettoota mootummaaf taasifame sababeeffachuun kanneen gatii hinmalle dabalanirratti to’annoo fi hordoffiin cimaan taasifamee tarkaanfiin akka fudhatamu hubachiisaniiru.
Amma ammaatti waanti mul’ate jiraachuu baatus daballiin gatii sababa hinqabne akka hin jiraanne qophiin taasifamuu ibsaniiru.
Hawaasni daldalaa seeraaf bitamuun biyyaa fi lammiisaa tajaajiluun akka irraa eegamu ministirichi hubachiisaniiru.