Mindaan dabalamuunsaa hojjetaa caalaatti hojiif kakaasa-Konfedereeshinicha - ENA Afaan Oromoo
Mindaan dabalamuunsaa hojjetaa caalaatti hojiif kakaasa-Konfedereeshinicha

Hagayya 17/2017(TOI)-Mindaan dabalamuunsaa hojjetaa caalaatti oomishtummaaf akka kakaasu pirezidaantiin Kofnedereeshinii waldaalee hojjettootaa Itiyoophiyaa Kaasahuun Foolloo ibsan.
Dhiibbaa jireenya lammiilee mindaan dhaabbataan kaffalamuufii xiqqeessuu mootummaan Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mindaa dabaluusaa beeksiseera.
Pirezidaantiin Kofnedereeshinii waldaalee hojjettootaa Itiyoophiyaa Kaasahuun Foolloo turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, daballiin mindaa kun gaaffii yeroo dheeraa kan deebisedha.
Daballiin kun dhiibbaa jireenyaa hojjetaa mootummaa salphisuun hojii hojjetuun caalaa bu’a qabeessa akka ta’uu fi tajaajila si’ataa kka kennu kan taasisu ta’uu dubbataniiru.
Daballiin kun mindaa ka’umsaa mootummaan ture altokkotti sadarkaa olaanaan kan ga’e ta’uu ibsaniiru.
Daballii mindaa sababeeffachuun qaala’insi gatii akka hin uumamne mootummaan to’annaa irratti xiyyeeffatee akka hojjetu dubbataniiru.
Kana maees hawaasni shamataan daballiin gatii hinmalle akka hin uumamne qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru.
Mootummaan dhiibbaa jireenyaa hojjetaa mootummaa hubachuun mindaa dabaluusaaf galateeffataniiru.
Qaamolee Mootummaan mindaa fooyyessuu sababa godhachuun oomishaa fi tajaajilarratti gatii hinmalle taasisan irratti tarkaanfii cimaa akka fudhatu mootummaan hubachiisuunsaa nibeekama.