Itiyoophiyaanonni tokkummaan yoo ka’an waanti hinmilkoofne akka hinjirre hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi raga bara baraati-gaggeessitoota paartii siyaasaa

Hagayya 17/2017(TOI)- Itiyoophiyaanonni tokkummaan yoo ka’an waanti hinmilkoofne akka hinjirre hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi raga bara baraa ta’uusaa gaggeessitoonni paartii siyaasaa ibsan.

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi gamtoomaan kan dhugoome bara bayyanachuu Itiyoophiyaa kan labsee fi milkaa’uu abjuu bara baraaf fakkeenyadha.

Waxabajjii 26 bara 2017 Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mana maree bakka bu’ootaa ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii wayita kennan hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi dhamaatii fi aarsaa hedduun ijaarame dhiheenya akka eebbifamu ibsuunsaanii niyaadatama.

Gaggeessitoonni paartii siyaasaa xumuramuu hidha haaromsaa ilaalchisuun TOI’n dubbie hidhi haaromsaa kun pirojektii guddicha dhaloonni ammaa fi kutannoon mootummaa milkeessedha jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa Adwaa lammataa Itiyoophiyaanonni waloomaan dhugoomsanidha jedhan walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa.

Itiyoophiyaanonni waloomaan kan dhugoomsan pirojektii guddaa dhalootatti cehu ta’uu ta’uu kaasanii, harka walta’een galma biyyaalessaa milkeessuun akka danda’amu kan raga bahe ta’uu dubbataniiru.

Walitti qabaan mana maree zoonii Hararii fi Dirree Dawaa Paartii haqa hawaasummaa lammiilee Itiyoophiyaa(Izeema) Yoonaas Batruu, hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi utubaa dinagdee biyyaalessaa irree  gamtoomeen dhugoomedha jedhaniiru.

Hidhi haaromsaa ifa dhalootatti darbu kan itiyoophiyaanota walitti hidhu ta’uu eeranii, humni walta’e maal gochuu akka danda’u dhalootaa fi Afriikaaf barnoota kan kenne ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaanonni tokko ta’anii yoo dhaabatan wanti hinmilkeessine akka hinjirre hidhi kun raga barabaraa ta’uusaa eeraniiru.

Dura taa’aan paartii demokiraatawaa ummata Walanee Feyisal Abdilaziiz gamasaaniin, hidhi haaromsaa guddina, tokkummaa fi maqaa gaarii Itiyoophiyaa qabatamaan kan agarsiise kan biyya boonse ta’uu dubbataniiru.

Hidhi haaromsaa inagdee biyyaa gama guddisuutiin faayidaa guddaa akka qabu eeranii, ibsituu gamtoominaa tumsaa fi hirmaannaa ummataan ijaarame ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015