Leenjii Itiyoo-Koodarsiin beekumsa bu’uuraa Teekinooloojii Dijiitaalaa Argachaa jirra- Hirmaattota Leenjichaa

Hagayya 17/2017(TOI)-Leenjii Itiyoo-Koodarsiin beekumsa bu’uuraa Teekinooloojii Dijiitaalaa Argachaa jiraachuu hojjettoonni mootummaa fi Barattoonni Magaalaa Jimaatti Leenjicha Hordofaa jiran dubbatan.

Hojjettooni Mootummaa fi Barattoonni Magaalaa Jimmaatti Leenjicha  hordofaa jiran leenjicharraa faayidaa hedduu argachuu isaanii dubbataniiru.

Sagantichaan Leenji’aa kan jiru Mitikkuu Abdataa Leenjichi beekumsa qabatamaa  Teekinooloojii Dijiitaalaa Ammayyaa argachuuf akka isa gargaare dubateera.

Haala mijataa leenjii Itiyoo-koodarsii uumameefiin koorsiiwwan onlaayinii Afur fudhachuusaanii ibsuun, keessumaa Koorsiiwwan saayinsii Daataa fi hubannoo namtolcheen hubannaa guddaa akka isaaf uume ibseera.

Hojjetaa mootummaa Abdusalaam Xayib, Baatii gannaa leenjicha hordofee xumuruun   beekumsa isaa akka dabaleef ibseera.

Leenjichi ogummaa adda addaaf kan deeggaru waan ta’eef, hojjettoonni Mootummaa Leenjicha hin fudhanne yoo fudhatan faayidaa guddaa argatu jedheera.

Leenjii Itiyoo-Koodarsii Fudhateen gama Teekinooloojii Dijiitaalaan beekumsa fooya’aa argachuu kan ibse immoo, barataa Abbaas Alamuu, fuulduraatti damee Kanaan  hojii dhuunfaa banachuuf karoorsuu dubbateera.

Beekumsaa fi dandeettii leenjichaan argateen Appilikeeshinii Mobaayilii irratti hojii hojjechuuf  fedhii  akka qabu dubbateera.

Leenjichi qindeessuummaa waajjiraalee Barnootaa, Carraa Hojii Uumuu fi ogummaan akkasumas Qindeessummaa Waajjira Sivil sarvisiin kennamaa jiraachuu ibsameera.

Waajjiraalee Leenjicha Qindeessan keessaa tokko Waajjira Sivilsarvisii Bulchiinsa magaalaa  Jimmaattii dursaan garee Teekinooloojii Odeeffannoo  Naasir Amaan , Leenjichi dandeettii teekinooloojii Dijiitaalaa guddisuun dandeettii raawwachiisummaa hojjettootaa gabbisuuf nigargaara jedhaniiru.

Waajjirichi Hojjettoota Mootumaa Bulchiinsa magaalichaa jala  jiran , Barattootaa fi barsiisonni leenjicha akka fudhataniif, deeggarsa barbaachisaa kennaa jiraachuu ibsuun,  leenjichi cimee itti fufuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015