Waldaaleen omishtoota albuuda aadaa godinichatti bara darbe hojii eegalan namoota kuma 13 caalaniif carraa hojii uumaniiru - ENA Afaan Oromoo
Waldaaleen omishtoota albuuda aadaa godinichatti bara darbe hojii eegalan namoota kuma 13 caalaniif carraa hojii uumaniiru

Hagayya 17/2017(TOI)- Waldaaleen omishtoota albuuda aadaa naannoo Oromitaa godina Shawaa bahaatti bara darbe hojii eegalan namoota kuma 13 caalaniif carraa hojii uumuusaanii waajjirri misooma albuudaa godinichaa beeksise.
Hoogganaan waajjira misooma albuudaa godinichaa Taaddasaa Kaasee TOI’f akka beeksisanitti, qu’nnoo taasfameen amma ammaatti kuusaan albuudaa akaakuu 17 godinichatti akka argamu mirkanaa’eera.
Albuunni godinichatti argaman galtee industirii fi konistiraakshiniif oolaa akka jiran eeranii, galtee industiriif kan oolan keessa Kawulin, Pumiis, Soodaa Aash fi Laayimstoon akka keessatti argaman dubbataniiru.
Oomishoonni kunneen warshaalee biyya keessaa Simintoo, Shukkaaraa fi Seeraamikiif bal’inaan dhihaachaa akka jiran himaniiru.
Bulchiinsi godinichaa albuudaaf xiyyeeffannoo kenneen waldaaleen albuudaa aadaa bardheengaddaa hojii eeglan 110 namoota kuma 13 caalaniif carraa hojii uumuusaanii dubbataniiru.
Godinichatti walumaa gala hojiin misooma Albuudaa dhaabbilee 10 fi waldaalee karaa aadaa albuuda oomishan 283iin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Dhaabbilee fi waldaaleen kunneen bara bajataa xumurame albuuda garagaraa meetiriik kuubii miiliyoona 2 fi kuma 701 fi oomishuun warshaalee Simintoo Shukkaaraa fi Seeraamiikiif dhiheessuu isaanii eeraniiru.
Kanneen konistiraakshiniif oolan ammoo galtee meetir kuubii miiliyoona 3 fi kuma 833 caalu oomishuun galii fooyya’aa argachuun fayyadamoo ta’uusaanii himaniiru.
Yeroo kana keessatti qabeenya albuudaa qu’annoon gama adda baasuutiin bakkeewwan albuunni jiran adda baasuurratti hojjetamaa turuu eeranii, haala Kanaan lafa kiiloomeetir isquweerii kiiloomeetira 293 qu’annoo gochuuf karoorfamee hojjetameera jedhaniiru.