Godina Gujiitti Saxilamummaa hongee Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan argameera

Hagayya16/2017(TOI)-Godina Gujiitti Saaxilamummaa Hongee Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf hojii hojjetameen haalli Abdachiisaan mul’achuusaa Waajjirri Qonna  Godinichaa  ibse.

Waajjirichatti hojii gaggeessan Qabeenya Uumamaa Obbo Wandoo Sharbootee, Godinichatti hongee fi hanqina roobaa mudatu Ashaaraa Magariisaan dandamachuuf  itti fufinsaan hojjetamaa tureera jedhaniiru.

Kanaanis  Godinichatti waggoottan darban namoonni Kuma 187 Ol misooma Ashaaraa Magariisaa, eegumsaa fi kunuunsa irratti hirmaachaa turuusaanii ibsaniiru.

Hojii hojjetameenis burqaa gabbataniiru, bineensonni  bosonaa baqatanii fi bakkeewwan qullaa ta’an deebi’uurra jiraachuu fi biqiltuuwwan muduraa omisha kennuu eegaluusaanii ibsaniiru.

Qonnaan Bultoonnii fi Horsiisee Bultonni Godinichaa bakkeewwan Ashaaraa Magariisaan Misoomanitti kaannisa horsiisuu eegaluu fi nyaata horii argachaa jiraachuu eeraniiru.

Walumaa Galatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darbanitti hojjetamaa turaniin wabii nyaataa mirkaneessuu dabalatee  gargaaraa jiraachuu hubachiisaniiru.

Godinichatti biqiltuuwwan dhaabbataniif eegumsii fi kunuunsi taassifameefii bu’aaf gahaa jiraachu eeruun, biqiltuuwwan mandhaalee qabatan keessaa Gaattiraa, Birbirsa , waddeessa, muka koosoo, nyaata horii fi mukeen gaaaddisaa isaan gurguddoodha jedhaniiru.

Biqiltuuwwan wabii nyaataa Mirkaneessuuf gargaaru jedhamanii dhaabbatan keessaa   Avokaadoo, Maangoo, Giishxaa, Muuzii fi Paappayyaa kanneen kana fakkaatan akka argaman hubachiisaniiru.

Godinichatti Ganna qabamettis lafa hektaara  kuma 19 fi 195 irratti biqiltuuwwan dhaabamaa turuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015