Godinichatti milkaa'ina bara barnootaa 2018’f qophiin dursaa taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti milkaa'ina bara barnootaa 2018’f qophiin dursaa taasifamaa jira
Hagayya 15/2017(TOI)-Godina Baaleetti milkaa'ina bara barnootaa 2018’f qophiin dursaa taasifamaa jiraachuu Waajjirri Barnoota godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaa ittaanaan Waajjirichaa Obbo Fayyisaa Dammuu akka jedhanitti, godinichatti milkaa'ina qophii barnoota bara haarawaatiif qophiin taasifamaa jiraa.
Ijaarsi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi bu'ura boruu 90 ol ijaaruuf karoorfame keessaa 74 ijaarsarra jiraachuu dubbatan.
Dareelee dabalataa ijaaruuf karoorfaman 250 keessaa hanga ammaatti 87 xumuramuu akeekan.
Haala baruuf barsiisuu milkeessuuf manneen jireenyaa barsiisotaa 497 ijaaruuf karoorfame keessaa 89 xumuramuus akeekan.
Hojii tola ooltummaa yeroo gannaatiin gaheessotaa kuma 15 ta'an barsiisuu danda'amuus dubbatan.
Godinichatti bara barnoota 2018tti barattoota kuma 470 caalan barnoota idilee akka hordofan odeeffannoon Waajjira Barnootaarra argame ni mul'isa.