Teekinooloojiiin Ismaartii Bishaanii Hawaasa Baadiyaatiif  Bal’inaan Dhaqabamaa ni tassifama -Inistitiyuuticha

Hagayya 15/2017(TOI)- Salphaatti hojiirra kan oolan Teekinooloojiiwwan Ismaartii Bishaanii  kutaa hawaasa baadiyaatiif  bal’inaan  dhaqqabamaa taassisuuf  qophiin Xumuramuu  Inistitiyuutiin Teekinoloojii  Bishaanii Itiyoophiyaa  beeksise. 

Inistitiyuutichatti  Hojii gaggeessaa dursaan deeggarsa teeknikaa  Ayichiluhim  Zannabaa  TOI’f  akka ibsanitti, Inistitiyuutichi Teekinooloojiiwwan dhiheessii bishaanii guddisan akka darban taassisaa jira.

Bara Baajatichaatti salphaatti hojiirra kan oolan Teekinooloojiiwwwan Bishaanii Ismaartiin  kutaa hawaasa baadiyaaf bal’inaan  raabsuuf  qophiin xumuramaa jiraachuu kaasaniiru.

Teekinoolojiiwwan kun bakkeewwan Magaalotarraa fagaatanii fi bishaan hin arganneef bal’inaan rabsuuf saayitiiwwan 21  adda baasuusaanii eeruun,  bakkeewwan kunnen  lafarraa  meetirii  5 hanga 10  fagaatanii bishaan salphaatti kan argamuu  danda’u  ta’uusaa  ibsaniiru.

Teekinooloojiiwwan kun yaaliin bu’aa qabeessumaa gaaggeeffamee  qulqullinni isaanii mirkanaa’uu hojiiraawwachiisaa dursaan kun  dabaluun beeksisaniiru.

Teekinooloojiin kun bishaan dhugaatiif, nyaata bilcheessuuf, dhiqannaaf,  bineeldotaa fi bishaan biqiltuuwwan qe’eef  oolu  harkisuuf  guddaa akka barbaachisu himaniiru.

Gama biroon Inistitiyuutichi leenjitoota kuma 2 fi 500 ol dhaabbilee teekniikaa fi ogummaa soddomii tokkoo ol keessatti barataniif deeggarsa teekniikaa gochuusaa kaasaniiru.

Inistitiyuutichi  Elektiroonik Mekaaniikaaliin, Diriilingiin, Watar sappilaayiin, teekinooloojii Irrigeeshin diriilingiin  madaallii  kennaa jiraachuu  beeksisaniiru.

Dhaabbatichi bara 2008 irraa eegalee ogeeyyota bishaanii kuma 2 fi 500 caalaniif madaallii mirkaneessa ga’umsa ogummaa kennuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015