IGAD fi Jaappaan tumsa dargaggoota ga’oomsuun nagaa fi tasgabbiirratti irratti qaban cimsuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
IGAD fi Jaappaan tumsa dargaggoota ga’oomsuun nagaa fi tasgabbiirratti irratti qaban cimsuuf waliigalan

Hagayya 15/2017 (TOI)- IGAD fi Jaappaan tumsa dargaggoota ga’oomsuun nagaa fi tasgabbiirratti irratti qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Foramiin idil addunyaa misooma Jaappaan Afriikaa salgaffaan Jaappaan Yokahaamaatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa lammaffaa qabateera.
Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo foramichaan cinaatti hooggantoota olaanoo biyyoota garagaraa fi dhaabbilee idil addunyaa waliin dhimma gamlameerratti mari’ataniiru.
Barreessaan olaanaa kun de’eetaa ministira dhimma alaa Jaappaan Fuujii Hiisayuukii waliin mari’ataniiru.
Lammiileen lamaan hariiroo eegumsa nageenya lammiilee, dargaggoota ga’oomsuu, nagaa fi tasgabbiirratti qaban cimsuuf marii gaggeessaniin walii galaniiru.
Deeggarsa cimaa Jaappaan dhimma dubartootaa, nagaa fi tasgabbii akkasumas akkaadaamii hooggansaa IGADiif gochaa jirtuuf barreessaan olaanaa kun galateeffataniiru.
IGAD fi Jaappaan waliigaltee tumsa gamlamee cimsu A.L.A bara 2016 mallatteessuusaanii odeeffannoon TOI'n dhaab’ata riijinichaarraa argate nimul’isa.
Foramiin idil addunyaa misooma Jaappaan Afriikaa boru xumurama.