Qaroomina dhalootaa fi baratti cehu kan beektu Harar ashaaraan magariisaa bifa biraa ittiin beekamtudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Qaroomina dhalootaa fi baratti cehu kan beektu Harar ashaaraan magariisaa bifa biraa ittiin beekamtudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Hagayya 15/2017(TOI)- Qaroomina dhalootaa fi baratti cehu kan beektu Harar ashaaraan magariisaa bifa biraa ittiin beekamtudha jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.
Ashaaraa magariisaa dhaabuun byyanachuu har’a Harar aanaa Dirree Xiyyaaraatti keenyeera jedhan ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin.
Ddhaa seenaashee eegdee tuurizimii fi walumaa gala ijaarsa dinagdee dammaqaarra kan jirtu Harariin magariisa itti uwwisuun qooda dhaloota kanaati jechuun hubachiisn.
Magaalaa Harar magaalaa seenaa fi hambaa qofa osoo hintaane golambaa agarsiiftuu misooma magariisaa gochuu qabna jedhan ergaa dabarsaniin.
Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban bakka hedduutti dhaabneerra iechuun ibsan itti aanaan ministira muummee.
Hundi keenya harka tokkoon dhaabaa harka tokkoon kunuunsuu qabna jechuun hubachiisaniiru.