Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa dhiheenyatti akka argamu godheera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa dhiheenyatti akka argamu godheera

Hagayya 14 /2017 (TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bishaan lafa keessaa dhiheenyatti akka argamu gochuusaa Yuunivarsiitiin Haroomayaa beeksise.
Yuunivarsiitiin Haroomayaa laga naannawaarratti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabeera.
Itti aanaan pirezidaantii qorannoo fi walitti dhufeenya hawaasaa Dr. Yisaaq Yuusuuf sagantaa biqiltuu dhaabuurratti argamuun aka ibsanitti, ashaaraan magariisaa akka milkaa’u dhaabbatichi waggoottan darban qoodasaa bahaa tureera.
Biqiltuu biqilchuun, boola biqiltuu qopheessuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsaa tureera jedhan.
Kanuma cimsuuf hawaasa yuunivarsiitii, jiraattota naannawaa, dargaggootaa fi qonnaan bultoota hirmaachisuun sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltu dhaabuu har’a laggeen Daamotaarratti raawwachuu kaasaniiru.
Keessumaa ogeessi qonnaan bulaa fi hawaasa biroo waliin ta’uun biqiltuu waggoottan darban dhaabaman kunuunsuun irra caalaan guddachuu dubbataniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa cimee itti fufe bishaan lafa jalaa dhiheenyatti akka argamu godheera kan jedhan Dr. Yisaaq Yuusuuf, kun ammoo oomishtummaa qonnaan bulaa gabbisuun wabii nyataa mirkaneessuuf gargaaraa akka jiru ibsaniiru.
Hojiileen misooma magariisaa Yuunivarsiiticha waliin hojjetamaa jiru naannawicha gara magariisaatti jijjiiraa jira kan jedhan ammoo godina Harargee Bahaatti hoogganaa waajjira qonnaa magaalaa Mayaa obbo Zallaqaa Abdataati.
Waggoottan darban hojiilee ashaaraa magariisaatiin jjjiirama argaa jirra kan jedhan hoogganaan kun, bulchiinsi magaalichaa sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan garagaraa dhaabuun ittifufuusaa dubbataniiru.