Paartileen siyaasaa kudha tokko gamtaa uuman - ENA Afaan Oromoo
Paartileen siyaasaa kudha tokko gamtaa uuman

Hagayya 14/2017(TOI)- Paartileen siyaasaa sadarkaa naannoo kudha tokko gamtaa uumuu isaanii beeksisan.
Paartileen siyaasaa gamtaa uuman guyyaa har’aa yaa’ii gaggeessaa jiru.
Paartileen siyaasaa kunneen garaagarummaansaanii akkuma jirutti ta’ee kaayyoo waloof gamtoomanii akka hojjetan eerameera.
Walitti qabaan koree qindeessaa gamtoominaa Daaroot Gum’aa akka jedhanitti, paartileen siyaasaa walitti dhufuun tokkummaan humna ta’uusaa qabatamaan agarsiisa jedhaniiru.
Paartileen kaayyoo mataasaanii qabachuun milkaa’ina waloof qindoomina uumuusaanii eeranii, aadaa siyaasaa fooyya’aa ijaaruuf shoora olaanaa akka bahu dubbataniiru.
Qindoominni kun Itiyoophiyaa wyyitu dhalootaaf dabarsuuf akka fayyadu eeranii, aadaan siyaasaa akka ammayyoomu qoodasaa akka bahu dubbataniiru.
Walitti qabduun boordii filannoo Itiyoohiyaa Meelaatwarq Hayiuu wayita kana, humna walitti qabachuun kaayyoo waloo fi fooyya’aaf hojjechuun gaarii ta’uu dubbataniiru.
Garaagarummaa kabajuun waloomaan hojjechuun sirni siyaasaa fayyaalessi akka gabbatu gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Qindoominni kun filannoon biyyaalessaa dhufu guutummaan amanamaa akka ta’u qoodasaanii akka bahan gaafatanii, boordichi qindoomina kana deeggaruu qophaa’aa ta’uusaa mirkaneesaniiru.
Walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin, qindoominni paartilee ijaarsi sirna demokiraasii akka gabbatu shoora guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Paartileen qindooman Agawu haqaa fi demokiraasiif, Agawu shangoo biyyaalessaa, paartii demokiraatawaa Tigraayi, paartii demokiraatawaa ummattoota Doongaa, Paartii demokiraatawaa Moochaa, Sosochii demokiraatawaa saba Argobbaa, Paartii adda bilisa baasaa Affaar, paartii demokiraatawaa Gaamoo,dhaabbata demokiraatawaa ummata Kaafaa, paartii magariisaa Kaafaa fi sosochii demokiraatawaa umattoota Gaambeellaa ti.