Naannoo Harariitti hojiileen sagantaa “Barnoota dhalootaaf” jedhu hawaasa hirmaachisuun raawwatamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti hojiileen sagantaa “Barnoota dhalootaaf” jedhu hawaasa hirmaachisuun raawwatamaa jiru
Hagayya14/2017(TOI)-Naannoo Harariitti hojiileen Sagantaa “Barnoota dhalootaaf ’’ jedhu hawaasa hirmaachisuun gaggeeffama jiraachuu Biiroon Barnootaa Naannichaa beeksise.
Itti gaafatamaan Biiroo Baranootaa Naannichaa Obbo Geetuu Nagawoo akka jedhanitti, Naannichatti sagantaa “Barnoota dhalootaaf’’ jedhuun sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuuf qooda fudhattoonnii fi hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira.
Kanaanis Manneen Barnootaa dhuunfaa fi motummaa guddisuun qulqulluu fi baruu fi barsiisuuf mijataa gochuu, Ijaarsa Mana Jireenya Barsiisotaa, boolla bishaanii qotuun raawwatamaa jiru jedhaniiru.
Akkasumas, Daa’imman Matii harka qal’eeyyiif meeshaalee barnootaa walitti qabuu, kitaabilee wabii barnootaa, rakkoowwan galtee furuu, hojii soorata Barattootaa Mana Barumasaa, hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Sagantaa “Barnootni Dhalootaaf’’jedhuun hojiiwwan hojjetaman Sadarkaa Manneen Barnotaa fooyyessuu irra darbee Barattoonni Sirnaan Barnootasaanii akka hordofan kan isaan dandeessisu ta’uu, Qulqullinni barnootaa akka mirkanaa’uuf qooda mataasaa tassisaa jiraachuu eeraniiru.
Naannichatti Bara Barnootaa 2018 galmeen Barattootaa Manneen Barnootaa dhuunfaa fi mootummaa hunda keessatti eegalamuu kan dubbatan Obbo Geetuun, Naannichatti Fulbaana 5 bara 2018 barnoonni akka eegalu ibsaniiru.
Baatiiwwan gannaa sagantaa “Barnoonni dhalootaaf” jedhuun koree dhaabuu teessoo barattootaa suphuu, daree barnootaa haaromsuu, manneen barnotaa qulqulleessuu fi miidhagduu taasisuu hojjetamuu Daarekteerri Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Abooker Yeneesaw Xilahuun ibsaniiru.
Akkasumas tajaajila tola ooltummaan hojii Ashaaraa magariisaa raawwachuun qophiin hojii bara Barnootaa 2018 raawwatamuu dubbataniiru.
Daarekteerri Mana Barnootaa Yashi-Immabeet sadarkaa 1ffaa Balaayinash Laggasaa gama isaaniin, waktii gannaa maatiiwwan harka qal’eeyyiif rakkoowwan meeshaalee barnootaa akka isaan hin mudanneef qaamolee qooda fudhattootaa fi dhaabbilee deeggartootaa qindeessuun meeshaalee Barnootaa walittiqabuun hojjetameera.
Mana Barumsaa suphuun akkasumas Mana Barnootaa hawwataa mijataa taasifamaa jiraachuu ibsuun, galmeen barattootaa raawwatamaa akka jiru ibsaniiru.
Sagantaa “Barnoonni dhalootaaf” jedhuun Manneen Barnootaatti hojiiwwan galteewwan barnootaa guutuun karaa milkaa’ina qabuun raawatameera jechuun Suppervaayizarri Manneen Barnootaa Aanaa Shenkoor Saamu’eel Baqqalaa ibsaniiru.
Keessumaa Maneen Barnootaa suphuu fi hawwataa fi miidhagaa gochuuf barsiisonnii fi hojjettoonni Bulchiinsa gumaacha guddaa gochuusaanii ibsaniiru.
Naannoo Harariitti bara Barnootaa 2018 Idileen duraa hanga sadarkaa 2ffaatti Barattoonni kuma 92 galmaa’anii nibaratu jedhmeetu eegama