Hayyoonni rakkoo jiran mariin furuuf carraaqqii taasifamu keessatti qoodasaanii bahuu qabu-Komishinar Dr. Yoonaas Adaayyee

Hagayya 14/2017(TOI)- Hayyoonni rakkoo jiran mariin furuun nageenya waaraa buusuuf carraaqqii taasifamu keessatti qoodasaanii bahuu akka qaban Komishinariin komishini marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa  Dr. Yoonaas Adaayyeeibsan.

Komishinichi barbaachisummaa marii biyyaalessaa, milkaa’inoota amma ammaatti argamee fi hojiiwwan itti aanan ilaalchisuun hayyoota Yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraatti argamanii waliin magaalaa Bahaar Daaritti Mari’achaa jira.

Komishinar Dr. Yoonaas adaayyee waltajjicharratti akka dubbatanitti, biyya nageenyi waraan keessatti bu’e ijaaruuf marii aadaa godhachuun rakkoo jiru waloomaan furuu barbaachisa.

Rakkoolee jira marii biyyaalessaan furuun ummanni waloomaan, jaalalaan, waliif yaaduun akka jiraatu kan dandeessisu boqonnaan haaraan banamuu ibsaniiru.

Carraaqqii rakkoolee karaa nagaan furuuf taasifamu keesatti hayyoonni qu’annoo beekumsarratti hundaa’e gochuun muuxannoo biyyoota biroo dhiheessuun hirmaannaasaanii caalaatti cimsanii qoodasaanii bahuun akka irraa eegamu ibsaniiru.

Biyya keenyatti carraaqqii nageenya waaraa buusuun mootummaa cimaa dhaabuuf taasifamuuf waan danda’an hunda gumaachuu qabu jedhaniiru.

Abbootiin keenya qabsoo baroota addaddaatti taasisaniinbiyya daangaanshee kabajame nuuf dabarsaniiru kan jedhan komishinarichi, biyya nagaa qabduu fi guddatte akka qabaannu hundi qoodasaa bahuu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.

Waltajjiin marii kun har’aa eegalee guyyoota lamaaf akka turu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015