Nageenya naannawa keenyaa fulla’insaan eegsisuun misooma saffisiisuuf hirmaannaa keenya nicimsina - ENA Afaan Oromoo
Nageenya naannawa keenyaa fulla’insaan eegsisuun misooma saffisiisuuf hirmaannaa keenya nicimsina

Hagayya 13/2017 (TOI)- Nageenya naannawa isaanii fulla’insaan eegsisuun misooma saffisiisuuf hirmaannaa isaanii akka itti fufan jiraattonni godina Iluu Abbaa Boor ibsan.
Konfaransiin nagaa fi misoomaa kutaaleen hawaasaa garagaraa irratti hirmaatan magaalaa Mattuutti gaggeeffameera.
Hirmaattonni konfaransichaa yaada kennaniin, nageenya godinichaa ittifufsiisuuf qaamolee nagaa eegdota deeggaruun gumaacha isaanii bahaa akka jiran dubbataniiru.
Hirmaattota keessaa Obbo Bantii Jimaa, hojii misoomaa kamiifuu nagaan murteessaa ta’uu eeranii, qaamolee nageenyaa waliin qindaa’uun naannawasaaniitti nagaa eegaa akka jiran beeksisaniiru.
Kan biraan obbo Dajanee Kabbadaa, nagaa eegsisuun qaama nageenyaaf qofa kan dhiifamu osoo hintaane gurmaa’anii nageenyasaanii cimsuuf tumsaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Nageenya naannawasaanii cimsanii ittifufsiisuun misooma saffisiisuuf hirmaannaa taasisaa turan akka cimsan hirmaattonni konfaransichaa dubbataniiru.
Bulchaan godinichaa obbo Indaalkaachoo Tafarii, insheetiiviiwwan qonnaa garagaraa godinicha keessatti gaggeeffamaa jiruun bu’aleen onnachiisoon galmaa’aa jiru jedhaniiru.
Misooma damee hundaan jalqabaman cimsuun boqonnaa caalutti cehuuf carraaqqiin guddaan taasifamaa akka jiru eeraniiru.
Hojiin misoomaa jalqabame caalaatti saffisiisuuf nageenyi murteessaa waan ta’eef jiraattonni godinichaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun deeggarsa itti jiran ciminaan akka ittifufan ergaa dabarsaniiru.