Sirni Buusaa Gonofaa aadaa waldeeggarsaa ummataa guddisuun gumaacha guddaa taasisaa jira

Hagayya 12/2017 (TOI)- Sirni Buusaa Gonofaa godina Harargee lixaatti aadaa waldeeggarsaa ummataa guddisuun gumaacha guddaa taasisaa akka jiru bulchiinsi godinichaa beeksise.

Yaa’iin sirna Buusaa Gonofaa cimsuuf akeekame godina Harargee Lixaa magaalaa Cirootti har’a gaggeeffameera.

Bulchaan godinichaa adde Ikraam Xahaa wayita kana akka ibsanitti Buusaa Gonfaan aadaan waldeeggarsaa fi walgargaarsaa hawaasa jidduutti akka guddatu taasisaa jira.

Hawaasni rakkinni wayita isa mudatu dandeettii isaan damdamachuu akka danda’u Inisheetiiviiwwan mootummaan jalqabe keessaa tokko buusaa Gonofaa ta’uusaa ibsaniiru.

Buusaa Gonofaan Sirna Gadaarraa kan madde mala walgargaarsaa dur ture ta’uu eeranii, sirni kun akka cimu ummanni godinichaa  qoodasaa akka bahu himaniiru.

Balaan uumamaa fi namtolchee wayita mudatu hawaasni dandeettiisan waldeeggaruu akka danda’u sirni Buusaa Gonofaa cimaa deema jedhaniiru.

Buusaa Gonofaan hojiirra erga oolee asitti lammiileen deeggarsa barbaadan gargaarsa jalaa baasuun akka oomishan gochaa jiraachuu himaniiru.

Hoogganaan waajjira Buusa Gonofaa Godina Harargee Lixaa Obbo Ziyaad Aliyyii gamasaaniin, waggoottan darban sirna Buusaa gonofaa hunda galeessaa fi hammataa gochuuf hojiileen godinichatti hojjetaman bu’a qabeessa ta’aniiru.

Godinicha aanaalee 15 fi magaalota lamatti miseensota miiliyoona 2 ol horachuun akka danda’ame ibsaniiru.

Abbootiin Gadaa fi hooggantoota  aanaalee fi waajjiraalee sekteaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garagaraa yaa’ii har’a magaalaa Cirootti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015