Bara bajataa 2017 fayyadama biyyaa fi ummataa mirkaneessuun danda’ameera-obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Bara bajataa 2017 fayyadama biyyaa fi ummataa mirkaneessuun danda’ameera-obbo Adam Faaraah

Hagayya 12/2017 (TOI)- Bara bajataa 2017 fayyadama biyyaa fi ummataa mirkaneessuun akka danda’ame sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugalaa qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsan.
Waajjirri muummee paartii badhaadhinaa xumura karoora bara bajataa 2017 fi karoora bara 2018 irratti waltajjii taa’eera.
Obbo Adam Faaraah Wayita kana akka jedhanitti, miseensonni hooggansa paartichaa irree tokkoomeen walhubatanii waan hojjetaniif milkaa’inoonni hedduun galmaa’aniiru.
Hojiiwwan bara bajataa 2017 paartichaan hojjetamaniin ciminni keessoo paartichaa gabbachuu, walta’insii fi tumsi tarsiimawaa mirkanaa’uusaa fi fayyadamni biyyaa fi ummataa mirkanaa’uu akka danda’e eeraniiru.
Ummanni misooma akka fayyadamu hojiileen bara bajatichaa hojjetaman bu’a qabeessa ta’uu dubbataniiru.
Kana malees hojiileen gama nagaa fi tasgabbiitiin hojjetaman sadarkaa biyyaatti amma tokko nageenyi akka bu’u taasiseera jedhaniiru.
Bara bajataa 2018 hooggansii fi miseensi hundi badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf ciminaan hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.