Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf feestivaalii Maarchiingi Baandii idil addunyaarratti nihirmaatti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf feestivaalii Maarchiingi Baandii idil addunyaarratti nihirmaatti

Hagayya 12/2017(TOI)- Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf feestivaalii Maarchiingi Baandii idil addunyaarratti akka hirmaattu daarektarri olaanaa ijaarsa xin-sammuu raayyaa ittisa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldamikaa’el ibsa.
Ministeera ittisaatti daarektarri olaanaa ijaarsa xin-sammuu meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldamikaa’el feestivaalicha ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaa fudhatamaa fi dandeettii dorgommii idil addunyaa gama hundaan guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsa kennanin dubbataniiru.
Kana malees hojmaattota humnaa fi dandeettii addaa raayyaa guddisan hojeessuun isa ijoo ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan addunyaarratti fudhatama argachuusheetiin feestivaalii maarchiingi Baandii irratti akka hirmaattu waggaa tokkoon dura waamichi taasifamuu yaadachiisaniiru.
Haala Kanaan gareen maarchiingii daarektoreetii aartiiwwan ittisaa በfeestivaalii idil addunyaa Ruusiyaa Mooskootti taasifamurratti yeroo jalqabaaf akka hirmaattu beeksisaniiru.
Gareen Maarchiingii miseensota 50 qabu imala har’a galgala gara Ruusiyaatti taasisuuf qophiin barbaachisu xumuruusaa ibsaniiru.
Gareen kun turtii torbee lamaatiin ga’umsaa fi dandeettii maarchiinii raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa hawaasa addunyaaf akka beeksisu kaasaniiru.
Fiistivaaliin kun agarsiisa Maarchiingiin alattis hariiroon dippilomaasii biyyootaa akka dabalu, aadaa fi muuxannoo walii qooduuf gumaacha guddaa akka qabaatu ibsaniiru.