Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf mindaa fooyyessuuf murteesseera-komishinii siviil sarviisii Federaalaa - ENA Afaan Oromoo
Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf mindaa fooyyessuuf murteesseera-komishinii siviil sarviisii Federaalaa

Hagayya 12/2017(TOI)- Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf fooyyessa mindaa dabalataa gochuuf murteessuusa komishiniin siviil sarviisii Federaalaa beeksise.
Mootummaan federaalaa jreenya lamiilee fooyyessuuf tarkaanfii humni biyyaa danda’u fudhachaa jira
Itiyoophiyaan cabiinsa dnagdee baroottan darban ishee mudatan suphuu fi adeemsa gara badhaadhinaatti taasiftu si’achiisuuf ilaalchaa fi daandii misooma dinagdee hordofaa jirti. Kallattii guddina dinagdee damee hedduuminaa qabameen, hirmaattota hedduu fi fayyadamtoota hedduu qulqullina dinagdee fi hirmaachisaaf xiyyeeffannoon guddaan kennameera.
Akkuma beekamu, biyyi keenya dinagdee gooroo waliin dhahame bu’urarraa furuuf riifoormiiwwan gara garaa jalqabdee milkeessaa jirti. Gama tokkoon cabiinsa biyyaalessaa turan suphuu fi idaawwan cehaa dhufan salphisuu yoo ta’u, gama biraan ammoo gaaffilee dhaloota har’aa fi boruu deebisuun, badhaadhina Itiyoophiyaa bu’ura amansiisaa irratti dhaabuudha.
Mootummaan boqonnaa badhaadhina Itiyoophiyaa hundarraa lammiin hundi fayyadamuu qaba jedhee ni’amana. Kanaaf fooyyessoota fudhataman biroon dabalatatti. Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjetaa mootummaaf fooyyessa mindaa dabalataa gochuuf mootummaan murteeseera.
Akkaataa fooyyessa Kanaan-
- Mindaan hojjetaa mootummaa inni xiqqaan birrii kuma 4760 irraa birrii 6,000tti kan guddatu ta’a.
- Mindaan hojjetaa mootummaa inni guddaan birrii kuma 21,492 irraa gara kuma 39tti akka guddatu ta’a.
- Digiriin kan eebbifame mindaan ka’umsaa birrii 6,940 irraa gara 11,500tti fooyya’a.
- Hojjettoonni mootummaa siviil sarviisiin alatti dameelee garagaraa irratti hojjetan mindaan isaanii nifooyya’a.
Mindaa kana sirreessuuf bajata birrii biiliyoona 160 ol gaafateera. Kunis baasii mootummaa waggaatti mindaaf bahu birrii biiliyoona 560tti guddisa. Rakkoon hojjetaa mootummaa mindaa dabaluun qofa waan hinfuramneef fuulduratti dhiheessii manaa fi uwwisa inshuraansii fayyaa dabalatee furmaanni garagaraa nifudhatamu.
Mootummaan mindaa kana wayita fooyyessu daballiin kun gahaa fi isa dhumaati jedhee hin amanu. Fuulduratti fooyyessi riifoormii siviil sarviisii hojeeffamaa wayita deemu fooyyessu bu’aa irratti hundaa’e nitaasifama.
Mindaa fi faayidaan hojjetaa mootummaa sadarkaa fi amma barbaadamu kaffaluun yoo barbaachise dinagdee biyyaalessaa kana gochuuf dandeessisu ijaaruu qabna.
Dinagdee kana ijaaruuf ammoo ittigaafatamni biyyaalessaa hojjetaa mootummaa mootummaa irraa eegama.
Komishinii siviil sarviisii federaalaa.