Konkolaattonni magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjibaa ummataa kennan sirna kafaltii dijitaalaa eegaluufi - ENA Afaan Oromoo
Konkolaattonni magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjibaa ummataa kennan sirna kafaltii dijitaalaa eegaluufi

Hagayya 10/2017(TOI)- Konkolaattonni magaalaa Finfinneetti tajaajila geejjibaa ummataa kennan bara 2018 irraa eegalee sirna kafaltii dijitaalaa akka eegalan biiroon geejjibaa Finfinnee ibse.
Finfinneen tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e ijaaruuf imala ismaart siitiirratti argamti, haala Kanaan biiroon geejjibaa Finfinnee damee kana ammayyeessuuf hojmaata dijitaalaa garagaraa eegaleera.
Hoogganaan itti aanaa damee oppireeshinii Daanyaachoo Shifarraawu TOI’tti akka himanitti, tajaajila geejjibaa magaalattii ammayyeessuuf hojmaanni fooyyeffamaa jira.
Biirichi sirna geejjibaa teeknooloojiin ammayyeessuuf vveeloosiitii fi otobisoota magaalaa eegalamuu eeranii, dhaabbileen kunneen tajaajila dijitaalaa filmaata garagaraan kennaa akka jiran ibsaniiru.
Bara 2018 irraa eegalee otomisoota tajaajila keejjiba ummataa kennan dabalatee konkolaattonni irra caalaan tajaajila geejjibaa kennan kafaltii dijitaalaa akka jalqaban beeksisaniiru.
Jiraattonni magaalichaa tajaajila geejjibaa Ismaart kaardiin kennan TOI’tti akka himanitti, Ismaart kaardii fayyadamuunsaanii yeroosaanii sirnaan akka fayyadaman gochuurra darbee bu’aa ba’ii jalaa bahuusaanii kaasaniiru.
Fayyadamtoota dubbifne keessaa Sisaayi Birhaanuu akka jettetti, Ismaart kaardi fayyadamuunshee bu’aa bahii belleettoo kutuuf isheerra gahu hir’iseeraaf.
Mattaafaraa Hayiluu fi Tigist Yixnaawu gamasaaniin, Ismaart kaardii fayyadamuunsaanii hiriira malee dursanii akka keessummeeffamanii fi yeroosaanii sirnaan akka ittifayyadaman isan taasisuusaa dubbataniiru.
Amalawarq Mosee Gamasheetiin, tajaajilli kun muddama hiriiraa Kanaan dura ture kan oolchee fi baatii tokkotti altokko kaardii guuttachuun baasiishee sirnaan akka bulchitu fayyaduusaa kaafteetti.
Kaappiteenonni Otobisii Veelosiitii gamasaaniin, Ismaart Kaardiin tajaajila geejjibaa qulqulluu fi sadarkaasaa eeggate kennuuf akka gargaare eeraniiru.
Kaappiteeniin Otobisii Roomaan Asaffaa akka jettetti, tajaajilli kun fayyadamaa fi isaaniifis yeroo qusachuun deddeebii taasisan Akaka dabalan gargaaraa jira.
Tajaajilichi faayidaa fayyadamtootaa fi konkolaachiftootaaf kennuun gamatti hojiin isaanii akka si’atu gumaacha olaanaa taasisuusaa kan dubbatan ammoo kaappitaanii Otobisii Daanye Kaasaati.