Ministeerichi Teekinooloojiiwwan rakkoo hiikan Misoomsuun Hawaasicha fayyadamaa taassisuuf hojiiwwan itti jiru cimsuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Ministeerichi Teekinooloojiiwwan rakkoo hiikan Misoomsuun Hawaasicha fayyadamaa taassisuuf hojiiwwan itti jiru cimsuu qaba
Hagayya 09/2017(TOI)-Minsiteerri Innoveeshinii fi teekinoolojii, teekinooloojiiwwan rakkoo furan misoomsuun hojii hawaasicha fayyadamaa taassisu cimsee itti fufuu akka qabu Mana Maree bakka bu’oota uummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota Misooma qabeenya namaa fi bobbii Teekinoolojii Dr. Nagarii Leencoo ibsaniiru.
Ministeerichi Appilikeeshinii Dijiitaalaa dhibba Shan Eebbisiiseera.
Teekinooloojiiwwan hara’a eebbifaman keessaa Appilikeeshinii xalayaa bahii fi galii, Geejibaa, Karooraa fi hordoffii, hojiiwwan Bulchiinsaa onlaayiniin hordofuf gargaaran keessaatti argamu.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota Misooma qabeenya namaa fi bobbii Teekinoolojii Dr.Nagarii Leencoo saganticha irratti akka jedhanitti, Ministeerichi Teekinooloojiiwwan rakkoo furan misoomsuun hawaasicha fayyadamaa taassisuuf tattaaffii taassisaa jiru cimsee itti fufuu qaba.
Minitirri Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Ballaxaa Mollaa gama isaaniin, Ministeerichi Itiyoophiyaa Teekinoolojii Dijiitaalaan guddoomsuuf Itti Gaafatamummaa akka biyyaatti kennameef qabatamaan bahachaa jira jedhaniiru.
Appilikeeshiniiwwan har’a Ifooman Tajaajilawwan adda addaa dhaabbilee Mootummaatti waraqaan kennaman waraqaa irraa bilisa gochuuf kan gargaaran ta’uusaanii ibsaniiru.