Tamsaasni Roobaa  Hojii Qonnaatiif Faayidaa gaarii  qabaatus of-eeggannoo gochuun nibarbaachisa-Inititiyuutii Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa

Hagayya 7/2017(TOI)-Raabsi roobaa guyyoottan  kurnan itti aanaanii qonna gannaaf qonna gannaaf faayidaa gaarii qabaatus yaada gorsa meetiriyooloojii hojiirra oolchuun  akka barbaachisu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa hubachiiseera.

Inistitiyuutichi Hagayya 5 bara 2017 irraa eegalee haala qilleensaa guyyoottan 20 jiranii fi   dhiibbaa hojii qonnaa irratti geessisuu danda’u ilaalchisuun ibsa TOI’f ergeen beeksiseera.

Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa ibsasaan , guyyoottan kurnan darban biyyattii bakkeewwan 108tti   sa’aatii 24 keessatti  bokkaa cimaa miliimeetirii 30 ol ta’e roobuu  beeksiseera.

Hagayyaa 5 bara 2017 irraa eegalee guyyoottan kurnan jiran  haalli qilleensa roobni gannaa akka uumamu mijataan jiraachuu  agarsiisni meetiriyooloojii  akka mul’isu  beeksisaniiru.

Naannoolee biyyittii  Kibba lixaa, Lixa, Kaaba lixaa,  Kaaba, gidduugaleessa, bahaa fi  Kaaba bahaa  tamsa;inni roobaa foyya’aan akka  jiraatu  ibsameera.

Kana hordofuun  jiidhinsi jiraatu sochii hojii Qonnaa gannaaf harki caalu  faayidaa qabaachuu ibsameera.

Haata’u malee sodaa Kanaan walqabatanii dhufan salphisuu fi  carraawwan gaarii jiran caalaatti fayyadamuuf yaada gorsaa Meetiriyooloojii irratti xiyyeeffanan sirnaan hojiirra oolchuu  akka qaban hubachiisaniiru.

Haala  jiidhinsa qilleensaa  lixaan , Kaaba lixaa, Kaaba bahaa,  bahaa fi  gidduu galeessaatti babal’atu hordofuun rooba salphaa hanga cimaatti ni rooba jedhameetu eegama.

Kanaanis Meetiriyooloojii qaama bishaanii fi  haala qilleensa naannoorratti hundaa’uun   kutaalee biyyattii gidduugaleessa, Lixa , Kaaba lixaa, Kaaba bahaa,  sa’attii  24 keessatti   rooba cimaan miliimeetirii 30  ol roobuu akka  danda’u raagaan ibsameera.

Sululoota ganna fayyadaman irra caalaatti bishaan lafa irraa xiqqaa ama guddaatti akka jiraatu ibsuun, lolaan battalaa fi lagni guutuun sululoota gara gadiirratti mudachuu nidanda’a jedheera.

Hagayya 12 bara 2017  irraa eegalee  guyyoottan kurnan jiran haalli meetiriyooloojii cimuun kan itti fufan yoo ta’u, darbee darbee bokkaa cabbii makatee roobuu guutinsa  lagaatiif qooda qabaachuu akka  danda’u ibsameera.

Naannoolee biyyittii  lixaan, kaabaa lixaan, kaabaa fi giddugaleessatti bokkaan cimaan mudachuu akka danda’u ibsuun,  yaada gorsa meetiriyooloojii hojiirra oolchuun akka barbaachisu hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015