Miidiyaaleen Seenessa sobaa qolachuun, guddina biyya keenyaa agarsiisuu qabu-Dr. Laggasaa Tulluu

Hagayya 07/2017(TOI)- Miidiyaaleen Seenessa sobaa qolachuun, guddina biyya keenyaa agarsiisuun qabiyyee Itiyoophiyaa agarsiisu gabaasuu akka qaban ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Dr. Laggasaa Tulluu beeksisan.

Korporeeshiniin biroodkaastiingii Itiyoophiyaan (EBC)n appilikeeshinii dandeettiisaatiin hojjete har’a ifoomseera.

Ministirri tajaajila komunikeeshinii motummaa Dr. Laggasaa Tulluu waltajjiharratti akka jedhanitti, hojmaanni dijitaalaa EBC fi akaakuun qabiyyee faayidaa biyyaalessaa kan eegsisuu fi miidiyaalee biroof boqonnaa haaraa kan banedha.

Odeeffannoon jireenya dhala namaa bifa hedduun yeroo tuqu kanatti EBC’n filmaata garagaraan odeeffannoo qaqqabsiisuunsaa miidiyaa Itiyoophiyaaf jijjiirama haaraa ta’uusaa himaniiru.

Yeroo odeeffannoon karaa miidiyaa hawaasummaa sakondiitti addunyaa walii gahu kanatti kanneen seenessa waldhahaa dabarsan akka jiranis ministirichi kaasaniiru.

EBC’n qabiyyeewwan hojmaata karaa addunyaa dijitaalaan gocha kana maqsuu danda’an, biyya ijaaran, lammiilee kan walitti fidanii fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisan gabbisuunsaa tarkaanfii guddaadha jedhaniiru.

Miidiyaaleen seenessa sobaa qolachuun, guddina dinagdee biyya keenyaa agarsiisuu fi Qabiyyeewwan Itiyoophiyaa agarsiisan irratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisuusaanii EBC’n gabaaseera.

EBC’n imalli maddeen qabiyyee 10 caalan sirnoota dijitaalaayizdii 25 caalan fayyadamuun qaqqabsiisuuf jalqabe agarsiiftuudha jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan korporeeshinii biroodcaastiingi Itiyoophiyaa obbo Geetinnat Taaddasaa gamasaaniin, EBC’n Itiyoophiyaa bakka hundaa fi Afriikaa akka qaqqabu bal’inaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Dijitaal EBC’n har’a ifoomuunsaa agarsiiftuu babal’achuuf qabnudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015