Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf misooma humna haaromfamaa babal’isaa jirti-ministeera bishaanii fi inarjii

Hagayya 06/2017(TOI)- Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf misooma humna haaromfamaa babal’isaa jraachuushee de’etaan ministiraa bishaanii fi inarjii injinar Dr. Sulxaan Walii ibsan.

Yaa’ii haala qilleensaa Afriikaa lammaffaa ilaalchisee ministeerri bishaanii fi inarjii egzibiishinii yaa’iin duraa gaggeessaa jira.

Egzibiishinichi imala cehumsa inarjii Itiyoophiyaaf akkasumas hojiiwwan waloo Afriikaaf humna haaromfamaa rakkoof hinsaaxilamnee fi gadhiisii kaarboonii xiqqaarratti hundaa’e ijaaruuf damee Kanaan hojjetamaa jiran agarsiisuuf kan akeekamedha jedhameera.

De’etaan ministiraa bishaanii fi inarjii injinar Dr. Sulxaan Walii egzibiishinichi yeroo banamu akka jedhanitti, dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu qolachuu fi hir’suuf Itiyoophiyaan inisheetiivota gara garaa bocuun hojiirra oolchaa jirti.

Fakkeenyaaf tarsiimoo misooma magariisaa rakkoof hinsaaxilamne bocuun sagantaa ashaaraa magariisaa raawwattee milkaa’ina argatte kaasaniiru.

Misooma humna haaromfamaa babal’isuun dhiibbaa qolachuu fi hir’isuuf xiyyeeffannoo kennuushee ibsanii, kunis cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015