Hojii ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetameen gogee kan ture haroon Carcar deebi’ee bayyanachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hojii ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetameen gogee kan ture haroon Carcar deebi’ee bayyanachaa jira

Hagayya 03/2017 (TOI)- Waggoota darban hojii eegumsa naannoo godina Harargee lixaatti hojjetameen gogee kan ture haroon Carcar dabalaa dhufuun qonnaaf gumaacha taasisaa jira.
Hojii gaggeessaan abbaa taayitaa eegumsa naannoo godinichaa obbo Sharaf Abdallaa akka, jedhanitti, keessumaa waggoottaan 7 darbanii asitti biqiltuu ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiruun bosonni godinichaa dhibbantaa 12 irraa gara dhibbantaa18tti olitti guddateera.
Hojiin daagaa yeroo bonaa biyyeen akka hin dhiqamneef hojjetamaa jirus oomishaa fi oomishtummaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaan dura waggoota kudhaniif gogee kan ture Haroon Carcar, dabalaa waan dhufeef qonnaaf gumaacha guddaa taasisaa jira jedhaniiru.
Akkasumas, jiidhinni naannoo haroo kanaa aanaa Bokee fi Habrootti dabalaa dhufuusaatiin qonnaan bultoonni lafa duraan beelladni irra oolan jallisiidhaan boqqolloo fi kuduraalee misoomsuu eegaluu isaaniis ibsaniiru.
Haroon kun yeroo ammaa qabeenya ikoo-tuurizimii naannoo Oromiyaa keessaa tokko ta’ee filatamuu fi bakka turistii taasisuuf hojiiwwan qabatamaan eegalamuu isaanii ibsaniiru.
Hawaasni gaarreen miidhaman eeguun, kunuunsaa fi deebisee damdamachiisuurratti miira abbummaatiin hirmaachaa akka jirus akeekaniiru.
Hanga ammaatti lafti godinicha keessatti miidhamee fi manca’e heektaara kuma 80 ol ta’u biqiltoonni mukaa adda addaa kan dhaabame yoo ta’u, bal’inni bosona miidhamee heektaarri kuma 36 fi 600 ol ta’u daangeffamee bayyanachaa akka jiru eraniiru.
Qonnaan bultoonni naannawichaa gama isaaniin hojii qonnaa caalaa babal’isuun fi naannawicha lalisaa gochuuf hojii ashaaraa magariisaa fi eegumsa qabeenya uumamaa irratti hirmaannaa isaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.