Leenjiin bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoon kennamu beekumsa teeknooloojii kan gabbisudha

Hagayya 02/2017(TOI)-Leenjiin bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoon kennamu beekumsa teeknooloojii guddisuuf akka isaan gargaare hirmaattonni leenjichaa ibsan.

Nageenya Saayibarii haala amansiisaa ta’een mirkaneessuuf humna namaa damee Kanaan barate horachuun dirqama ta’a.

Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo waggoottan dura jiddugala misooma taalentii saayibarii hundeessuun oladeemtota damee teeknooloojiin kennaa qaban leenjisuurratti argama.

Leenji’amtoonni marsaa garagaraan nageenya saayibariin leenjii fudhatan maalirra akka jiran TOI’n haasofsiiseera.

Hundeessaa fi hojii gaggeessaan Wulaagaa Teeknooloojii Usmaan Balaay ganna bara 2013 sagantaa samar kaampii saayibar taalentiitti akka mkame dubbateera.

Daa’imummaasaarraa eegalee teeknooloojii Dirooniif fedhii olaanaa akka qabu ibsee, fedhii kana dhugoomsuuf beekumsa akka hinqabne dubbateera.

Sagantaan Samar Kaampii Saayibar talent banamuunsaa beekumsaa fi ogummaa damee Kanaan akkan argadhu nagargaareera jedheera.

Jiddugalli kun beekumsa teeknooloojii qofa osoo hintaane hojii uumuu fi naamusallee akka isa barsiise beeksiseera.

Beekumsa jiddugala kanatti argateen hordoffii midhaanii seeraa fi danbii aviyeeshinii guute, pilaanii qiyyaasuu fi diroonota komershaalaa tajaajila biroo kennan dhiheessaa akk jiru dubbateera.

Barattuun Sagantaa samar kaampii saayibar taalentii marsaa sadaffaa Saaroon Isheetuu gamasheetin,jiddugalichi barumsa kutaa fi qabatamaa akka argattu taasisuu dubbatteetti.

Yeroo ammaa damee nageenya saayibariin barsiisaa akka jirtu eerteetti.

Sagantichi fedhiin teeknoolojiirratti qabu akkan guddifadhu nagargaareera jetteetti.

Jiddugala kana dhufuun koo ogummaa koo garagaraa gara tokkotti akkan fidu nagargaareera kan jedhe ammoo hundeessaa tumsaa jeneraal biizinas giruup Mikaa’el Gabrahiywooti.

Beekumsa jiddugalicharraa argateen hojmaata warshaalee caalaatti ammayyaa fi nageenyisaa kan eegame gochuuf hojii hojjetamuuf gumaachasaa gochuu ibseera.

Sagantaan samar kaampii saayibar taalentii Adoolessa 25 bara 2017 eegalamuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015