Dhiiga keenya arjoomuun lubbuu ummata keenyaa baraaruu keenyatti niboonna - ENA Afaan Oromoo
Dhiiga keenya arjoomuun lubbuu ummata keenyaa baraaruu keenyatti niboonna

Hagayya 01/2017(TOI)- Dhiiga keenya arjoomuun lubbuu ummata keenyaa baraaruu keenyatti niboonna jedhan hooggantoonnii fi hojjettoonni tajaajila immigireeshinii fi lammummaa beeksisa.
Hooggantoonnii fi hojjettoonni tajaajila immigireeshinii fi lammummaa mata duree “Dhiiga koo lammii kktiif” jedhuun tajaajila tola ooltummaa gannaatiin sagantaa dhiiga arjoomuu gaggeesaniiru.
Hoogganaan waajjira daarektara olaanaa tajaajilichaa obbo Mikaa’el Indaalaa akka jedhanitti, tajaajilichi hojiiwwan tola ooltummaarratti hirmaachuun ittigaafatama hawaasummaa ahaa jira.
Dhiigni guyyaa har’aa arjoomaa jirus qaama hojii kanaa ta’uu eeranii, fuulduras harka qalleeyyiif maaddii qooduu, daa’imman maatii isaanii dhabaniif meeshaa barnootaa guutuu fi kkf cimsee akka ittifufu himaniiru.
Tajaajla baankii dhiigaa fi tiishuutti ogeettiin barnootaa fi dadammaqsaa siistar Asaggaash Goosaa, fayya buleessi umuriinsaa wagga 18 amm 65 ta’ee fi ulfinnisaa kiiloo giraama 45 ol ta’e dhiiga arjoomuu akka danda’u ibsaniiru.
Dhiigni arjoomamu lammiilee sababa dahumsaa, balaa tasaa, kaansarii fi sababa waldhaansa baqaqsanii hodhuutiin lammiilee hanqina dhiigaaf saaxilamaniif kan oolu ta’uu beeksisaniiru.
Hojjettoota tajaajilichaa dhiiga arjooman keessaa obbo muluuqan Ayyaenoo waggaa waggaan dhiiga arjoomaa fuuldurattis waggaatti al sadii arjoomuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Obbo Miiliyoon Geetaachoo gamasaaniin dhiiga arjoomuun lammiilee dhiiga dhabuun rakkataniif lubbuu kennee ta’uu eeranii, dhiignin arjoomu lubbu kan baraaru ta’uunsaa naboonsaa jedhaniiru