Deeggarsa Ijaarsa Hidha Haaromsa Itiyophiyaa guddichaaf taassisnu cimsinee Itti fufna - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsa Ijaarsa Hidha Haaromsa Itiyophiyaa guddichaaf taassisnu cimsinee Itti fufna

Hagayya 01/2017(TOI)-Ijaarsa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa guddichaaf bittaa boondii fi arjoomaa taassisan cimsanii akka itti fufan Jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaaboor TOI dubbise ibsan.
Jiraattota Godinichaa Yaada kennan keessaa obbo Taarraqany Alamaayyoo dhagaan bu’uuraa ijaarsa hidhichaa yeroo kaa’amee eegalee hanga ammaatti waggaa waggaan boondii bituun gumaacha taassisaa akka turan dubbataniiru.
Yeroo ammas eebba hidhichaa hawwiin eeggachaa boondii bitachuu isaanii ibsuun, deeggarsa isaanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Akkasumas, Aadde Soofiyyaa Jamaal jiraattota naannoosaanii waliin ta’uun ijaarsa hidhichaaf itti fufinsaan boondii bituun hirmaachaa turuu isaanii ibsaniiru.
Bara kanas boondii bitachuu isaanii ibsuun namoonni biroonis adeemsa ijaarsa hidhichaa keessatti ashaaraasaanii akka kaa’an qindeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Deeggarsaa fi hirmaannaa hidha haaromsaaf taassisan itti fufuusaanii kan ibsan obbo Xilahuun Takkaa ammas hanga hidhichi eebifamutti guumaachasaanii akka taassisan dubbataniiru.
Godinichatti dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddichi erga kaa’amee eegalee hirmaannaa hawaasaan deeggarsi birrii Miiliyoona 150 ol taassifamuu Itti gaafatamaan waajjirra Koomunikeeshinii Godina Iluu Abbaaboor obbo Tolasaa Asaffaa ibsaniiru.
Ganna kanas birrii Miiliyoona 20 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun hanga ammaatti deeggarsi birrii miiliyoona 10 ol walitti qabamuu dubbataniiru.
Aanaalee Godinichaa hundatti jaarsa hidhichaaf deeggarsi hawaasaan taassifamu hanga xumuraatti cimee akka itti fufu ibsaniiru.