Bakkeewwan Rooba ganna fayyadmanitti baatii lamaan dhufan Roobni Idileen olii ni’eegama- Inistiitiyuuticha 

Hagayya1/2017(TOI)- Bakkeewwan Rooba ganna fayyadmanitti baatii lamaan dhufan Roobni Idileen olii waan eegamuuf saxilamummaa lolaa hir’isuuf xiyyeeffannoon taassifamuu akka qabu Inistitiyuutiin  Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Inistitiyuutichi  gamaggama waliigalaa  dhiibbaa haala qilleensaa  baatii  ganna walakkaa fi  haala  Qilleensa  baattiiwwan gannaa hafan  eegamu  irratti ibsan kennaniiru.

 Daarektarri olaanaan Inistitiyuutichaa Faxxanaa Tashoomaa  ibsa har’a kennaniin , Inistitiyuutichi  haala  qilleensaa  birraa, Arfaasaa, fi gannaa  dhiheessaa jiraachuu   dubbataniiru.

Keessumma biyyittiitti bakkeewwan rooba gannaa fayyadaman Roobni  Misooma Hawaasummaa fi Dinagdee saffisiisuu  dandeessisan  akka jiru  ibsaniiru.

Fayyadamtoonni rooba gannaa idilee fi idileen olii  argachaa jiraachuu ibsuun, kunis misooma midhaanii dabalatee qonnaaf, hidha guutuu fi, qabeenya  bishaan lafa jalaa dabaluu fi misooma jallisiitiif kan oolu carraa gaarii ta’uu  dubbataniiru.

Tamsa’inni rooba batii  Waxabajjii fi  Adoolessaa  buufataalee Inistitiyuutichaa 227 keessatti  olaanaa ta’e galmaa’uu dubbataniiru.

Baatiiwwan Fuulduraa Hagayyaa fi Fulbaanaas roobni Idilee fi idileen olii waan roobuuf   bakkeewwan midhaan gannaa  omishaniif faayidaa olaanaa kan qabu waan ta’eef, bakkeewwan jiidhinsi itti hir’atanittis  bishaan  guddaa akka qabatan  kan dandeessisu ta’uu  dubbataniiru.

Gama biraan ooyruu qonnaa irra bishaan ciisuu, midhaan bishaaniin liqimfamuu, dhiqama biyyee fi sigigni lafaa baadiyaa fi magaalatti akkasumas balaa lola geessisuu waan danda’uuf  hojii of-eegganoo duraa irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhaniiru.

Saaxilamummaa lolaa hir’isuuf baadiyaa fi magaalatti bo’oowwan lolaa  qulqulleesuu fi  sirreessuu, akkasumas, naannoolee balaa sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an  irratti uummanni eeggannoo akka  godhan hubachiisaniiru.

Inititiyuutichi Ministeera Bishaanii fi Inarjii dabalatee  qaamolee qooda fudhattootaa biroo  waliin ta’uun  odeeffannoo raaga haala qilleensaa  sirnaan dhaqqabamaa gochuuf  hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataanis Rooba  baatiiwwan  gannaa  irraa fayyadamoo  ta’an  Awwaash, Abbay, Baaroo Akooboo, Gibee fi  kanneen biroo keessatti saaxilamummaa lolaa  hir’isuuf sektroota hundaa waliin qindoomina hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015