Hojiileen misooma ashaaraa magariisaa waggoottan darban godina Wallagga Lixaatti hojjetaman faayidaa garagaraa kennaa jiru

Adoolessa 30/2017 (TOI)- Hojiileen misooma ashaaraa magariisaa waggoottan darban godina Wallagga Lixaatti hojjetaman faayidaa garagaraa kennaa jiraachuu kutaaleen hawaasaa garagaraa TOI’n dubbise dubbatan.

Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf, lafa qullaatti hafe magariisa gochuu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa ittisuuf kaayyeffatee waggootta toorban darban hojjetamaa jira.

Baranas mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuun miiliyoona 714 tuqaa 7 dhaabuun seenaa haaraa galmeessisuun danda’ameera.

Kutaaleen hawaasaa garagaraa godina Wallagga Lixaa TOI’n dubbise hojiileen misooma ashaaraa magariisaa waggoottan darban hojjetaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran mirkaneessaniiru.

Obbo Eliyaas Lammii, obbo Bal’inaa Tarfaa fi obbo Tsaggaayee Tasammaa  yaada kennaniin, sagantaan misooma ashaaraa magariisaa qabeenya waliin hojjennee waliin fayyadamnu ta’uu qabatamaan mirkaneessaa jirra jedhaniiru.

Sagantaa biqiltuu dhaabuu waggoottan jijjiiramaa misoomni kuduraa fi muduraa akkasumas misoomni bunaa bu’aan qabatamaan irraa argamaa akka jiru kaasaniiru.

Eegumsa naannoo fi tajaajila nyaata beelladaaf akkasumas dameelee dinagdee biroof ashaaraansaa mul’achuu ibsanii, misooma kana cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Waajjira qonnaa godina Wallagga Lixaatti dursaan garee eegumsa naannoo obbo Fiqruu Birhaanuu, faayidaan misooma ashaaraa magariisaa ifatti kan mul’atuu fi fayyadamtoonnis raga bahaa akka jiran kaasaniiru.

Godinichatti lafti heektaara kuma 6 caalaan biqiltuuwwan garagaraan qabamuu mirkaneessaniiru.

Hojiin kun ciminaan akka itti fufu eeranii, biqiltuu kunuunsuun bu’aaf qaqqabsiisuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015