Ijaarsi riqaawwanii godina Boorana Bahaatti birrii miiliyoona 240 caaluun jalqabaman saffisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi riqaawwanii godina Boorana Bahaatti birrii miiliyoona 240 caaluun jalqabaman saffisaa jira

AAdoolessa 30/2017(TOI)- Ijaarsi riqaawwanii godina Boorana Bahaatti birrii miiliyoona 240 caaluun jalqabaman saffisaa jiraachuu waajjirri daandiiwwanii fi loojistiksii godinichaa beeksise.
Riqaawwan birrii miiliyoona 240 caaluun ijaaramaa jira aanaalee fi daandiiwwan muummee akkasumas aanaa tokko aanaa biroon kan walquunnamsiisan ta’u hoogganaan waajjirichaa obbo Adden Abdoo ibsaniiru.
Pirojektoonni aanaalee godinichaa Areeroo, Waacilee, Madda Walaabuu fi Liibanitti ijaaramaa jiran sochii hawaasummaa fi dinagdee jiraattotaa saffisiisuuf akka dandeessisan beeksisaniiru.
Tokkoon tokkoon riqaawwanii meetira saddet caalaa akka bal’atanii fi meetira 18 amma 20 akka dheeratan himaniiru.
Rawwii hojii riqaawwan kanneenii dhibbantaa 47 amma 67 gahuu beeksisaniiru.
Ijaarsi pirojektootaa riqicha ammayyaa fi rarra’aa sadarkaasaa eeggate tokko ofkeessaa qaba jedhaniiru.
Raawwii pirojektii kanaaf bajanni birrii miiliyoona 245 mootummaa naannoo Oromiyaarraa ramadamuusaa ibsaniiru.
Ijaarsi kun yeroo gabaabaatti eebbisiisuun tajaajilaaf oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.
Pirojektoonni riqichaa ijaaramuunsaanii gandootaa fi aanaalee garagaraa qaxxaamuraan kan walquunnamsiisu jedhaniiru.
Pirojektiin daandii 59 bajata birrii miiliyoona 82 mootummaan naannichaa remadeen ijaaraman tajaajilaaf banamuun niyaadatama.