Sagantaan ashaaraa magariisaa bu’a qabeessummaa misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf gumaacha taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa magariisaa bu’a qabeessummaa misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf gumaacha taasisaa jira

Adoolessa 30/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa bu’a qabeessummaa misoomaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf gumaacha taasisaa jiraachuu dhaabbanni hawaasa siviilii beeksise.
Sagantaan ashaaraa magariisaa kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin raawwatamaa jiru bosonni akka bayyanatu gochuun bu’aa guddaan irraa argameera.
Hojiin dhaabbileen hawaasa siviilii eegumsa uumamaarratti hojjetan ashaaraa magariisaa waliin kan walqabate waan ta’uu TOI’tti himaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata eegumsaa fi misooma qabeenya uumamaa egereerratti hojjetuu Takla’aragaayi Jiraannee akka jedhanitti, dhaabbatichi bosonoota uumamaa kunuunsuu akkasumas biqiltuu qopheessuun qonnaan bultoonni akka dhaaban gochuun bosonoota namtolchee misoomsaa jira.
Ashaaraan magariisaa misoomaa fi eegumsa bosonaa dhaabbannisaanii raawwatu waliin walqabachuun kan adeemsifamuu fi faayidaa hedduu gumaachaa akka jiru ibsaniiru.
Sagantichi xaa’ummaa fi oomishtummaa lafaa guddisuun, gadhiisii gaazii faalu hir’isuu fi jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf faayidaa hedduu gumaachaa akka jiru dubbataniiru.
Hojigaggeessaan dhaabbata Itiyoophiyaatti eegumsa uumamaa fi lubbuqabeeyyii Sisaay Asfawu gamasaaniin, dhaabbannisaanii misooma bosonaa, eegumsa lafa bishaan qabatuu akkasumas hojii qonna walmakaan qonnaan bulaan misooma bosonaa fi qonna walmakee akka hojjetu gochuun misoomaa fi eegumsa lubbu qabeeyyiif gumaacha taasisaa jira jedhaniiru.