Dhaabbilee danbii cabsan kuma 3 fi 200 irratti tarkaanfiin fudhatame

Adoolessa 30/2017(TOI)-Dhaabbilee seera faalama qilleensaa fi sagalee cabsan kuma 3 fi 200 caalan tarkaanfiin irratti fudhatamuusaa abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan taayitichaa hojiilee bara bajataa 2017 hojjetaman ilaalchisuun galaalchotaaf ibsa kennaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa akka ibsanitti, bara bajataa xumurame magaalichatti hojiileen to’annoo faalama naannawaa, sagalee fi dhangala’aa akkasumas gaazii gadilakkifamu hir’isuuf gargaaran hojjetamaniiru.

Haala Kanaan bara bajataa xumurame dhaabbileen kuma 14 fi 800 caalan irratti hordoffii fi to’annoon gaggeeffameera.

Deeggarsi ogummaa fi hordoffiin taasifamee ofeeggannoon kennameeffii kanneen hinsirroofnerraatti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.

Dhaabbilee danbii cabsan kuma 3 fi 249 irratti tarkaanfiin fudhatamuu eeranii, Warshaaleen gragaraa, manneen shubbisa halkanii fi dhaabbileen biroo akka keessatti argaman ibsaniiru.

Tarkaanfii seeraa fudhatameenis dhaabbilee kuma 3 fi 66 dinniinni barreeffamaa kan kennameef yoo ta’u, dhaabbileen 183 ammoo akka saamsamamuu beeksisaniiru.

Dhaabbilee qarqara lagaa faalan irratti birrii miiliyoona 120 caalu adabamuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015