Naannichatti dhaabbileen bishaanii tajaajilasaanii ammayyeessuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera

Adoolessa 29/2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti tajaajila dhaabbilee bishaanii ammayyeessuu fi galiisaanii akka guddisan hojii hojjetameen bu’aan argamaa dhufuusaa biiroon bishaanii fi inarjii naannichaa beeksise.

Biirichi hojii bara darbe hojjetamanii fi karoora damichaa bara 2018 irratti magaalaa Adaamaatti mari’achaa jira.

Hooggantuun biiroo bishaanii fi inARJII naannoo Oromiyaa injiinar Miiliyoon Baqqalaa TOI’f akka ibsanitti, tajaajila bishan dhugaatii qulqulluu fooyyessuu fi walgahiinsa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Kenniinsa tajaajilaa tuttuqaarraa bilisoomsuun galii damicharraa argamu sirnaan walitti qabuu, oomishtummaa bishaanii dabaluu fi tajaajila si’ataa hawaasaaf kennuu irratti jalqabbiin gaariin jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbilee tajaajila bishaanii naannichaa 235 keessaa dhaabbileen 95 karaa dijitaalaa tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen bajata mootummaa jalaa bahanii baasiin ofdanda’uun ofdanda’anii hojii suphaa fi babal’isaa hojjechuu akka danda’an hojii hojjetameen bu’aan onnachiisaan argamuu injiinar Miiliyoon ibsaniiru.

Dhaabbileen bishaanii magaalota 54 galiin ofdanda’anii suphaa fi hojii babal’isuu raawwachaa akka jiran himaniiru.

Daarektarri bulchiinsa dhaabbilee bishaan dhugaatii biirichaa obbo Jabal Abbaafiixaa gamasaaniin, dhaabbileen tajaajila bishaanii magaalaa fi baadiyyaa akka qindooman taasifamuu dubbataniiru.

Kilaastaraan gurmeessuun kenniinsa tajaajilaa, bishaan oomishuu, Faayinaansii fi bulchiinsaan humna fooyya’aa kan qaban waliin walitti hidhuun hojmaata ammayyeessuurraa eegalee muuxannoo fi qabeenya waliin fayyadamuun raawwii fooyya’aa akka galmeessisan taasifamuu himaniiru.

Haala Kanaan bara bajataa xumurame bishaan dhugaatii meetiriik kuubii miiliyoona 176 oomishuun akka danda’ame yaadachiisanii, tajaajila ammayyeessuun galii birrii biiliyoona 4 caalaa argachuusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015