Naannoo Gambeellaatti baatii Hagayyaa Roobni cimaan Idilee fi idileen olii nirooba - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Gambeellaatti baatii Hagayyaa Roobni cimaan Idilee fi idileen olii nirooba

Adoolessa 29/2017(TOI) –Naannoo Gambeellaa Baatii Hagayyaatti bokkaan cimaan idilee fi idileen olii akka roobu Inistitiyuutii Meetiriyooloojii Itiyoophiyaatti tajaajilli gidduu gala Meetiriyooloojii Naannoo Gambeellaa beeksise.
Naannichatti Bokkaan Cimaan Mudachuu danda’u hojii Qonnaaf faayidaa qabaatus lolaa tasaa uumuun namaa fi qabeenya irratti miidhaa akka hin geessifne of eeggannoo gochuun barbaachisaa ta’uu gidduu galichi hubachiiseera.
Hojii Gaggeessaan gidduu galichaa Tasfaahun Alamuu TOI’f akka ibsanitti, Naannichatti ganna kana bokkoon cimaan idilee fi idileen olii roobuu akka danda’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa nimul’isa.
Naannichatti keessumaa baatiiwwan kaanirraa baatii Hagayyaa haala adda ta’een roobni cimaan akka roobu ibsaniiru.
Naannichatti roobni roobu hojii Qonnaaf keessumaa midhaan turaanii facaafamanii fi yeroo dheera fudhataniif mijataa ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas misooma Qonna Birroof, bishaan cimmisuu fi hidhaawwan guutuuf faayidaa qabachuu hubachiisaniiru.
Gama biraan haala teessuma lafa naannichaan wal-qabatee Godinaalee fi Naannoolee ollaatti rooba cimaa roobuun lolaan mudachuu akka danda’uu dubbataniiru.
Keessumaa laga Baaroo dabalatee lageen gurguddoon Afur naannicha keessa Qaxxaamuran guutanii dhangala’uun lolaaf saaxiluu akka danda’an dubbataniiru.
Haata’u malee namoonni naannoo lagaa jiraatan dursanii ofeeggachuu akka qaban eeruun, qooda fudhattoonni hawaasa dadammaqsuu irratti dirqamasaanii bahu akka qaban hubachiisaniiru.
Komishiniin Sodaa Balaa Naannoo Gambeellaa rakkoo saxilamummaa lolaa baatii gannaa uumamu Ittisuuf hojii ofeeggannoo dursaa raawwachaa jiraachuu yeroo dhihoo gabaasuun keenya ni yaadatama.