Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara Baajataa 2017tti Doolaara Biiliyoona 7 tuqaa 6 galche

Adoolessa 29/2017(TOI)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Bara Baajataa darbetti Doolaara Biiliyoona 7 tuqaa 6  galchuusaa Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Masfin Xaasoo ibsan.

Hojii raawwachiisaa olaanan kun raawwii  hojii  daandiin qilleensichaa  A.LA  bara 2024/25 yookiin  bara  baajataa 2017 ilaachisuun ibsa kennaniiru.

ibsa isaaniin, bara baajatichaatti tajaajilli Geejibaa damee daandii qilleensaan dhiibbaa geessisaa turuu isaa hubachiisaniiru.

Waraanni biyyoota Addunyaa adda addatti uumaman, bara baajataa darbetti  Dinagdeen Addunyaa  qabbanaa’aa fi akkasumas taateewwan damee Geejiba Qilleensaa qoraa turan ta’uu yaadachiisaniiru.

Bara baajatichaatti Addunyaarratti imaltoota biiliyoona shan tajaajila geejiba qilleensaan imalchiisuun kka danda’ame eeruun,  daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa imaltoota miiliyoona 19 ol  imalchiisuu ibsaniiru.

kanneen  keessaa  miiliyonni  15 tuqaa 2 Imaltoota Idil Addunyaa,  akkasumas miiliyoona 3 tuqaa 9 imaltoota biyya keessa ta’uu dubbataniiru.

kanarra darbuun fe’isa toonii  kuma 785 fi 323  imalchiisuun kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu dhibbantaa afur caalmaa galmeessiseera.

Bara baajataa kana  galiin doolaara biiliyoona  7 tuqaa 6 galmaa’e  kan bara darbee waliin yeroo madaalamu guddinni dhibbentaa 8  argameera jedhaniiru.

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Tarsiimoo guddina saffisaa Hordofuun bu’aa gaarii galmeessisuu ibsaniiru.

 Akka fakkeenyaatti bara baajatichaatti bakkeewwan  gahumsa balallii haaraa Idil Addunyaa  6  dabaluun akka danda’ame ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015