Sagantaan Ashaaraa Magariisaa  Itiyoophiyaa irra darbee Riijinichaaf  hojii  bu’aa guddaa argamsiisudha

Adoolessa29/2017(TOI)-Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa irra darbee Riijinichaaf  hojii  bu’aa guddaa argamsiisu ta’uun  ibsame.

Ministeerri dhima Alaa fi dhaabbileen itti waamaman Dirree Dawaattii Biqiltuu dhaabuun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’uun  tajaajila tola ooltummaa gannaa jalqabsiisuun, sochii  hojii misoomaas daawwataniiru.  

Sagantaa guyyoottan sadan darban raawwatamaa turaniin Qondaaltonni olaanoonnii fi   Ambaasaaddaroonni hirmaataniiru.

 Hirmaattonni TOI waliin turtii taassisan akka ibsanitti, Ashaaraan magariisaa pirojeektii dinqisiisaa Itiyoophiyaannonni jaalalaa fi Tokkummaan olka’insa biyyaaf akka dhaabbatan taassise ta’uu ibsaniiru.  

Dubbii himaan Ministeera  dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama Qilleensaa dandamachuun imala Dinagdee magariisaa saffisiisaa akka jiru  ibsaniiru.

Pirojeektiin Ashaaraa magariisaa imala badhaadhinaa biyyi keenya kallattii hedduuun qabdu walitti hidhaminsaa fi miklaa’inaan deemaa jira.

Itti Aanaan Daarektara olaanaa Inistitiyuutii dhimma Alaa Dr. Abdii  Zannabaa   akka jedhanitti, biyyi keenya pirojektii Ashaaraa magariisaan  hojii fakkeenyaa raawwachaa jirtu, Riijinichaaf  darbees milka’ina badhaadhin Afriikaaf qooda olaanaa bahata jechuun  dubbataniiru.

Ashaaraan Magariisaa Biqiltuu dhaabuu qofaa miti, Jaalala, Nagaa fi tokkummaa  biyyoota Riijinii fi guutuu Afriikaa Waliin kan walitti hidhudha jechuun ibsaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabbatan faayidaa hedduu qaban kunuunsanii  guddisuun  dirqama hunda keenyaati jedhaniiru. 

Keeniyaatti Ambaasaaddarri guutu Itiyoophiyaa Jeneraal Baacaa Dabalee Diree Dawaatti jijiirama biyyoolessaa hordofuunQindoomina hoggansaa fi Jiraattotaan bu’aawwan galmaa’aa jiran itti fufsiisuuf  pirojektiin Ashaaraa magariisaa biyyoolessaa murteessaa ta’ uu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015