Hojiin tola ooltummaa duudhaa waldeeggarsa hawaasaa caalaatti gabbisaa jira

Adoolessa 28/2017(TOI)- Hojiin tola ooltummaa hawaasa hedduu fayyadaa jiraachuu fi duudhaa waldeeggarsa hawaasaa caalaatti gabbisaa akka jiru ibsame.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kutaan magaalaa Boolee Hoospitaala Ispeeshaalaayizedii Xuqur Anbassaa waliin ta’uun sagantaa tajaajila tola ooltummaa qorannoo fayyaa bilisaa guyyaa sadiif turu jalqabsiiseera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Boolee Dr. Isheetuu Lammaa wayita kana akka ibsanitti, hojiin tola ooltummaa rakkoo dadhaboota hedduu furauun cabiinsa hawaasummaa sirreessaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa waldhaansaa kunis kutaaleen hawaasaa harkaqalleeyyii waldhaansa bilisaa akka argatan kan karoorfamedha.

Hojii raawwachiisaan olaanaa hoospitaala Ispeeshaalaayizdii Xuqur Anbassaa Dr. Abduraazaaq Ahimad gamasaaniin, tajaajilli waldhaansaa kun amalasaatiin kan dhukkubsate gargaaruu fi kunuunsuu irratti kan hundeeffamedha.

Ogeeyyiin fayyaa yeroon osoo isaan hindaangessiin tajaajila tola ooltummaa guyya guyyaatti dhaabbilee fayyaa keessatti kan raawwatu ta’uu beeksisaniiru.

Sagantaa har’aa eegalee gaggeeffamu Kanaan ogeeyyonni kutaa waldhaansaa hundarraa walitti dhufan kan irratti hirmaatanii fi guyyoota sadiif turu ta’uu beeksisaniiru.

Itti aantuun komishinarii komishinii qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa magaalaa Finfinnee adde Asraat Nugusee, hojiin tola ooltummaa kun yeroo gara yerootti cimaa dhufuu dubbataniiru.

Hojiileen ganna kana hojjetamaa jiranis kanuma akka agarsiisan eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015