Godina Wallagga Lixaatti tamsa’ina dhibee busaa ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jira

Adoolessa 28/2017(TOI)-Godina Wallagga Lixaatti tamsa’ina dhibee busaa gannaan walqabatee mudatu ittisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu waajjirri fayyaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti ogeessi ittisaa fi to’annoo dhibee busaa obbo Dirribaa Guuttataa gannaan wal qabatee dhineen busaa qindoominaan ittifamaa jira jedhaniiru.

Dhibee kana ittisuuf godinicha aanaalee 11tti agoobarri miiliyoona tokko caalu qoodamuu fi aanaalee jaha keessatti manneen kuma 200 irratti  keemikaalli biifamuu ibsaniiru.

Hawaasa hirmaachisuun godinicha aanaalee hundatti bakkeewwan hormaata busaaf mijatan qulqulleeffamuu dubbataniiru.

Dabalataanis dhibee busaa dursuun ittisuuf ittifayyadama agoobaraa fi qulqullina eegguu irratti hubannoon hawaasaaf kennamuu ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Innaangoo  obbo Kennasaa Qalbeessaa akka jedhanitti, tamsa’ina dhibee kanaa dhaabsisuuf hubannoo ogeessarraa argatan gargaaramuun ollootasaanii waliin ta’uun naannawasaanii qulqulleessuurratti argamu.

Agoobara fayyadamuun, qulqullin ofii fi naannawwaa eeguun maatii fi naannawasaanii dhinee busaarraa ittisuuf hojjechaa akka jiran kan ibsan ammoo jiraattuu magaalaa Gimbii adde Shittaayee Jaalataati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015